XIINXALA RAKKOO WALHUBANNAA QUNNAMTII AFAANII KEESSATTI: TAJAAJILTOOTAAFI TAJAAJILAMTOOTA WAAJJIRAALEE MOOTUMMAA BULCHIINSA MAGAALAA AWWADAAY

Show simple item record

dc.contributor.author ABDII ALIYYII MUUSSA
dc.contributor.author Prof. Fiqaaduu Baldaatifi
dc.contributor.author Prof. Mohammed Abdoo
dc.date.accessioned 2024-02-12T07:33:00Z
dc.date.available 2024-02-12T07:33:00Z
dc.date.issued 2024-01
dc.identifier.uri http://ir.haramaya.edu.et//hru/handle/123456789/7407
dc.description 73 en_US
dc.description.abstract Qorannoon kun, xiinxala rakkoo walhubannaa qunnamtii afaanii keessatti: tajaajiltootaafi tajaajilamtootni Waajjiraalee Bulchiinsa Magaalaa Awwadaay taasisan irraatti xiyyeeffate. Kaayyoon qorannoo kanaa, rakkoo walhubannaa gama qunnamtii afaaniitiin Waajjiraalee Mootummaa Bulchiinsa Magaalaa Awwadaay keessatti, tajaajiltootaafi tajaajilamtoota giddutti mul’atan xiinxaluudha. Akaakuun qorannoo dhimma itti ba’ame akkamtaa yoo ta’u, malleen funaansa ragaalee immoo afgaaffiifi daawwannaadha. Odeeffannoon gama afgaaffii hincaaseffamneefi daawwannaan funaaname mala ibsaan kan qaacceeffameedha. Bu’uuruma kanaan argannoowwan qorannoo, tajaajiltootaafi tajaajilamtoonni dubbatanii akka walhubachuu hin dandeenye godhan: tajaajiltoonniifi tajaajilamtoonni ergaa dubbii walii hubachuu dhabuu, kanneen mallattoolee miti dubbii fayyadamanii tajaajiltoota qunnaman saffisaan walii hubachuu dhabuu, namoota qaaxiraa baayyisaniin dafanii walhubachuu dhabuu, tajaajilamtoonni baay’een muffiin dhufuu faadha. Rakkoo qunnamtii afaaniin walhubachuu dhabuutiin, tajaajila tajaajiltoonni kennanirratti tajaajiltoonni odeeffannoo sirrii dhimmichaaf barbaadan tajaajilamtootarraa argachuu dhabuun, tajaajila qulqulluufi si’ataa ta’e kennuu dhabuu. Rakkoon qunnamtii afaaniin walhubachuu dhabuu tajaajilamtootaafi tajaajiltoota giddutti walitti bu’iinsa waan uumuuf hariiroon gidduu isaanii jiru laafaa ta’uu. Sababa kanaan tajaajilamtootarra rakkoowwan kanneen akka, tajaajila qulqulluu argachuu dhiisuu, tajaajila godhameefitti gammaduu dhabuu, dhimma isaa otoo hinxumurin hafuudhaan qabeenya hedduu baasuufi yeroo isaanii qisaasessuun miidhamu. Bu’aa qorannoo kanaa booda furmaata ta’a jedhee kan qoratichi eere keessaa, waajjiraaleen kunniin tajaajiltoota yookiin ogeessota afaanicha sirritti hubataniifi afaan ogummaas hubachiisuu danda’an qacaruun waajjiraalee biroof fakkeenya otoo ta’ee gaarii ta’a. Akkasumaas, tajaajiltoota haaraa buufata kanatti ramadamaniif leenjiin hojiin duraa, haala hawaasa magaalichaarratti xiyyeeffatu otoo laatamaa deemee en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya University en_US
dc.title XIINXALA RAKKOO WALHUBANNAA QUNNAMTII AFAANII KEESSATTI: TAJAAJILTOOTAAFI TAJAAJILAMTOOTA WAAJJIRAALEE MOOTUMMAA BULCHIINSA MAGAALAA AWWADAAY en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account