| dc.description.abstract | Qorannoon kun qaaccessa sirboota warraaqsaa Oromoo bara 2020 isaan filatamanii 
irratti xiinxala qabiyyeewwaniifi ergaalee taasisuu irratti xiyyeeffata. Kaayyoon 
qorannoo kanaa sirboonni warraaqsaa Oromoo filatamanii galumsa siyaasa Oromoo 
keessatti qabiyyeewwaniifi ergaalee isaanii xiinxaluudhaan yaada furmaataa kaa’uudha.
Haaluma kanaan qorannoon kun sirboota warraaqsaa Oromoo kanneen wallisaa Caalaa 
Daggafaa, Falmataa Kabbadaa, Ittiiqaa Tafariifi Keekiyyaa Badhaadhaa kanneen bara 
2020 keessa sirbaman (bahan) irratti xiyyeeffate. Qorannoo kana geggeessuufis saxaxni 
hojiirra oole qaaccessa qeeqa haasbarruuti. Bu’uuruma kanaan walaloowwan sirboota 
afurii mala iddatteessuu kaayyeffataa fayyadamuun filatamaniiru. Qorannoo kanas mala 
qaaccessa akkamtaa keessaa Qaaccessa Haasbarruutti fayyadamuun xiinxalameera. 
Yaadiddamni qorannoon kun bu’uureffate qorannoo qeeqa hawaasummaa, qaaccessa 
qeeqa haasbarruufi qaaccessa haasbarruuti. Xiinxala qabiyyeewwan sirboota 
warraaqsaa kanarratti geggeeffameen sirboonni kunneen wanti isaan ibsan butamuu 
qabsoo Oromoo, gantummaa, Oromummaa, gootummaa, duula waraanaa Oromiyaafi 
Oromoo irratti taasifamaa jiru ibsu. Akkasumas, tokkummaa, diddaa, hidhaafi ajjeechaa 
sirnaawaa Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiruufi jaalala ibsuu irratti kan 
xiyyeefffatan ta’uu isaa bu’aan qorannoo kanaa ni argisiisa. Ergaawwan ijoon sirboonni 
warraaqsaa kunneen dabarsan abdii, roorroo, waamicha dabarsuu, balaaleffachuu, 
haaloo/kulkaa, gootummaa, diddaa siyaasaafi hawaasa kakaasuu (onnachiisuu) irratti 
kan xiyyeeffatan ta’uun isaanii qorannoo kanaan addaan baafameera. Akkasumas, haalli 
qabatama Oromoofi Oromiyaan keessa jiran ergaawwaniifi qabiyyeewwan sirboota 
warraaqsaa kana irra dhaabbachuun Oromiyaan yeroo kanatti dirree walwaraansaa 
ta’uu ishee, cunqursaan itti fufuufi warraaqsi diddaa ummanni geggeessuus itti fufee 
jiraachuu, ajjeechaafi hidhaan lammiilee nagayaa irratti geggeeffamaa jiraachuufi 
qabsoon karaa nagayaa cufamuufi nageenyi dhabamuu irraa kanka’e ummanni biyyattii 
warraaqsa diddaa afaan qawween iddoo baay’eetti waan geggeessaa jiraniif qaamonni 
meeshaa waraanaa hidhatanii jiran garmalee baay’atanii akka jiran argannoo qorannoo 
kanaan bira gahameera. Walumaagalatti, qabiyyeewwaniifi ergaaleen sirboota 
warraaqsaa Oromoo kunneen haala qabatama yeroo kanaa ilaalchisee dhiibbaafi 
miidhaa sirna aangoo irra jiruun Ummata Oromoo irratti miidhaan hawaasummaa,
moggeeffamni siyaasaa, illaanyaafi diinagdee raawwatamaa akka jiru argannoo 
qorannoo kanaan ibsameera. Kanumarraa ka’uudhaan, Ummanni Oromoofi biyyis balaa 
hamaaf saaxilamtee waan jirtuuf lolli dhaabbatee mariin araaraa taasifamee furmaanni
akka argamuuf hawaasni osoo dhiibbaa gama hundaa taasisee bareedaadha.
Dhumarratti, shoorri sirboonni walliftoota Oromoo jiruufi jireenya Ummata Oromoo 
keessatti qaban guddaa waan ta’eef, osoo xiinxalamanii akka dhaloonni irraa barataniifi 
barreeffamaan dhaloota dhufuuf akka dabree irraa barataniif gara fuulduraatti 
xiyyeeffannoo bal’aa argatanii osoo qoratamanii kan jedhu yaboo qorannoo kanaati | en_US |