Abstract:
Qorannoon kun mata-duree, “Xiinxala Sirboota Jaalalaa Aadaa Dubartoota Ituun 
Sirbaman: Xiyyeeffannoon Godina Harargee Lixaa Aanaa Burqaa Dhiintuu” jedhurratti 
kan hojjetame.Kaayyoon gooroon qorannoo kanaa sirboota jaalalaa aadaa Aanaa 
Burqaa keessatti dubartootaan sirbaman xiinxaluudha. Kaayyoo kana galmaan 
gahuudhaaf qorattuun saxaxa qorannoo ibsaatti kan fayyadamte yommuu ta’u, mala 
iddatteessuu akkayyoo fayyadamuudhaan iddattoowwan filattee jirti. Meeshaalee 
funaansa ragaalee jiran keessaa, afgaaffii, marii garee, daawwannaafi sakatta’a 
dokumentii fayyadamuun ragaalee guurrattee jirti. Ragaalee madden gararagaraa irraa 
walitti qabatte immoo mala qaaccessa ragaalee keessaa mala akkamtaa 
fayyadamuudhaan xiinxaltee. Ragaalee xiinxalaman irraa qorattuun argannoowwan 
sadii kan argatte yommuu ta’u, inni tokkoffaan sirbi jaalalaa aadaa qabiyyeewwan 
gurguddoo lama kan of keessaa qabu ta’ee lameenis, yaadaafi yaaddoo jaalalaafi 
jajannaa akka ta’e argannooshee lafa keessee jirti. Argannoon lammaffaa immoo sirbi 
jaalalaa aadaa dubartootaan sirbamu hawaasa keessatti wantoota sirriifi qajeeltoo ta’an 
jajjabeessuufi wantootni hawaasa keessatti bu’aa qaban akka itti fufan akkasumas 
aadaafi safuun akka hin banne bashannansiisaa kan gorsudha. Argannoon inni dhumaa, 
sirbi jaalalaa aadaa dubartootaan sirbamu yeroo qoraan cabsan, yeroo gundoo hodhan, 
bakka cidhaattiifi yeroo durii ammoo yeroo daakuu daakan faa akka sirbamu qorannoo 
isheetiin bira geessee jirti. Yaboo qorannichaa ilaalchisee, sirboonni jaalalaa aadaa 
dubartootaan Aanaa Burqaa Dhintuutti sirbaman yeroo ammaa kana dagatamaa waan 
jiraniif gama ogeessota aadaafi Turizimiitiin akkasumas, hawaasa hundaanuu 
xiyyeeffannoon itti kennamee kunuunfamuu osoo danda’e gaariidha.