XIINXALA SIRBOOTA JAALALAA AADAA DUBARTOOTA ITUUN SIRBAMAN: XIYYEEFFANNOON GODINA HARARGEE LIXAA AANAA BURQAA DHIINTUU

Show simple item record

dc.contributor.author SAADIYYAA MAHAAMMAD
dc.contributor.author Fiqaaduu Baldaa (Ass. Prof.)
dc.contributor.author Mohaammad Abdoo (Ass. Prof
dc.date.accessioned 2024-03-11T07:48:33Z
dc.date.available 2024-03-11T07:48:33Z
dc.date.issued 2024-01
dc.identifier.uri http://ir.haramaya.edu.et//hru/handle/123456789/7600
dc.description 74 en_US
dc.description.abstract Qorannoon kun mata-duree, “Xiinxala Sirboota Jaalalaa Aadaa Dubartoota Ituun Sirbaman: Xiyyeeffannoon Godina Harargee Lixaa Aanaa Burqaa Dhiintuu” jedhurratti kan hojjetame.Kaayyoon gooroon qorannoo kanaa sirboota jaalalaa aadaa Aanaa Burqaa keessatti dubartootaan sirbaman xiinxaluudha. Kaayyoo kana galmaan gahuudhaaf qorattuun saxaxa qorannoo ibsaatti kan fayyadamte yommuu ta’u, mala iddatteessuu akkayyoo fayyadamuudhaan iddattoowwan filattee jirti. Meeshaalee funaansa ragaalee jiran keessaa, afgaaffii, marii garee, daawwannaafi sakatta’a dokumentii fayyadamuun ragaalee guurrattee jirti. Ragaalee madden gararagaraa irraa walitti qabatte immoo mala qaaccessa ragaalee keessaa mala akkamtaa fayyadamuudhaan xiinxaltee. Ragaalee xiinxalaman irraa qorattuun argannoowwan sadii kan argatte yommuu ta’u, inni tokkoffaan sirbi jaalalaa aadaa qabiyyeewwan gurguddoo lama kan of keessaa qabu ta’ee lameenis, yaadaafi yaaddoo jaalalaafi jajannaa akka ta’e argannooshee lafa keessee jirti. Argannoon lammaffaa immoo sirbi jaalalaa aadaa dubartootaan sirbamu hawaasa keessatti wantoota sirriifi qajeeltoo ta’an jajjabeessuufi wantootni hawaasa keessatti bu’aa qaban akka itti fufan akkasumas aadaafi safuun akka hin banne bashannansiisaa kan gorsudha. Argannoon inni dhumaa, sirbi jaalalaa aadaa dubartootaan sirbamu yeroo qoraan cabsan, yeroo gundoo hodhan, bakka cidhaattiifi yeroo durii ammoo yeroo daakuu daakan faa akka sirbamu qorannoo isheetiin bira geessee jirti. Yaboo qorannichaa ilaalchisee, sirboonni jaalalaa aadaa dubartootaan Aanaa Burqaa Dhintuutti sirbaman yeroo ammaa kana dagatamaa waan jiraniif gama ogeessota aadaafi Turizimiitiin akkasumas, hawaasa hundaanuu xiyyeeffannoon itti kennamee kunuunfamuu osoo danda’e gaariidha. en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya University en_US
dc.title XIINXALA SIRBOOTA JAALALAA AADAA DUBARTOOTA ITUUN SIRBAMAN: XIYYEEFFANNOON GODINA HARARGEE LIXAA AANAA BURQAA DHIINTUU en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account