Abstract:
Qorannoon kun mata-duree „Xiinxala Qabiyyee sirboota tartarii Oromoo: Godiina Arsii, Aanaa
Gadab Hasaasaa‟irratti xiyyeeffate. Ka‟umsi qorannoo kanaatis, sirboonni tartarii afaaniin
darbuun ala ragaa barreeffamaan qindaa‟e dhabuufi amantaa sababeeffachuun sirboonni
tartarii sardakaa duraan jiru irraa gadi bu‟aa adeemuun sadarkaa dagatamuurra ga‟uu isaati.
Qorannoo kana keessatti iddattoon mijatu mala iddatteessuu akkayyoo fi darbaadabarsaadha.
Malleen funaansa ragaalee afgaaffii fi mariin garee xiyyeeffannoo hojiirra kan oolan ta‟ee
odeeffannoowwan malleen kanaan funaanaman tooftaa qorannoo ibsaan xiinxaalamaniru.
Adeemsa xiinxala qorannoo kanaa keessatti argannoowwan bira ga‟aman: sirboonni tartarii
akaakuu gara garaa qabaachuu. Sirboota tartarii keessatti af-walaloon sirboota tartarii ibsu
altokkotti ergaa ykn yaada garagaraa kan dabarsuuudha. Sirboonni tartarii sochii qaamaa fi
hirmaattota kan qabu. Ergaaleen qabiyyee sirboota tartariin darban dhaamsa ijoo sirboota
tartarii keessatti darbu sana kan ibsudha.Ergaalee sirboota tartariin darban:bohaarsuuf,
yaaddoo ibsuuf, jajjabeessuuf, obsaa, qabeenya agarsiisuuf,jaalala ibsuuf,cimsuu fi qeequuf
yookiin ergaa tuffii qabu ittin ibsachuuf tajaajila. Sirboonni tartarii jiruuf jireenya ofii
foyyeffachuu, jireenya ijifachuu fi amala gadhee dhuunfaan mul‟atu too‟achuuf qooda guddaa
qaba. Hirmaattotni sirboota tartarii keessatti hirmaatan hawaasa hunda osoo hin taane
dubartootaa fi shamarraniidh. Faayidaan qabiyyeewwan sirboota tartari hawaasa keessatti
qaban kan ittiin walgootomsaan /cimsan/, qabeenyaa fi walii isaanii kan ittin jajatan, kan ittiin
waa komatan, wantoota adda addaa ittiin qeequu fi ittiin wal gorsuu yookiin booharsuuf kan
fayyadu ta‟ee osoo jiru yeroo ammaa kana sadarkaa duraan jiru irraa gadi bu‟aa deemuufi
dagatamuurra ga‟eera.Yaboo qorannoo kanaa keessattis sirboota tartariis ta‟e qabiyyee
sirboota tartariitiif xiyyeeffannoon kennamuu akka qabu kaa‟ameera.