XIINXALA QABIYYEE SIRBOOTA TARTARII OROMOO ARSII, AANAA GADAB HASAASAATTI

Show simple item record

dc.contributor.author Juullaa Hajjii Woxee
dc.contributor.author Porofe Fiqaaduu Baldaa
dc.contributor.author Dr.Jeeylaan Amaanii
dc.date.accessioned 2024-03-14T06:28:02Z
dc.date.available 2024-03-14T06:28:02Z
dc.date.issued 2023-10
dc.identifier.uri http://ir.haramaya.edu.et//hru/handle/123456789/7669
dc.description 82p. en_US
dc.description.abstract Qorannoon kun mata-duree „Xiinxala Qabiyyee sirboota tartarii Oromoo: Godiina Arsii, Aanaa Gadab Hasaasaa‟irratti xiyyeeffate. Ka‟umsi qorannoo kanaatis, sirboonni tartarii afaaniin darbuun ala ragaa barreeffamaan qindaa‟e dhabuufi amantaa sababeeffachuun sirboonni tartarii sardakaa duraan jiru irraa gadi bu‟aa adeemuun sadarkaa dagatamuurra ga‟uu isaati. Qorannoo kana keessatti iddattoon mijatu mala iddatteessuu akkayyoo fi darbaadabarsaadha. Malleen funaansa ragaalee afgaaffii fi mariin garee xiyyeeffannoo hojiirra kan oolan ta‟ee odeeffannoowwan malleen kanaan funaanaman tooftaa qorannoo ibsaan xiinxaalamaniru. Adeemsa xiinxala qorannoo kanaa keessatti argannoowwan bira ga‟aman: sirboonni tartarii akaakuu gara garaa qabaachuu. Sirboota tartarii keessatti af-walaloon sirboota tartarii ibsu altokkotti ergaa ykn yaada garagaraa kan dabarsuuudha. Sirboonni tartarii sochii qaamaa fi hirmaattota kan qabu. Ergaaleen qabiyyee sirboota tartariin darban dhaamsa ijoo sirboota tartarii keessatti darbu sana kan ibsudha.Ergaalee sirboota tartariin darban:bohaarsuuf, yaaddoo ibsuuf, jajjabeessuuf, obsaa, qabeenya agarsiisuuf,jaalala ibsuuf,cimsuu fi qeequuf yookiin ergaa tuffii qabu ittin ibsachuuf tajaajila. Sirboonni tartarii jiruuf jireenya ofii foyyeffachuu, jireenya ijifachuu fi amala gadhee dhuunfaan mul‟atu too‟achuuf qooda guddaa qaba. Hirmaattotni sirboota tartarii keessatti hirmaatan hawaasa hunda osoo hin taane dubartootaa fi shamarraniidh. Faayidaan qabiyyeewwan sirboota tartari hawaasa keessatti qaban kan ittiin walgootomsaan /cimsan/, qabeenyaa fi walii isaanii kan ittin jajatan, kan ittiin waa komatan, wantoota adda addaa ittiin qeequu fi ittiin wal gorsuu yookiin booharsuuf kan fayyadu ta‟ee osoo jiru yeroo ammaa kana sadarkaa duraan jiru irraa gadi bu‟aa deemuufi dagatamuurra ga‟eera.Yaboo qorannoo kanaa keessattis sirboota tartariis ta‟e qabiyyee sirboota tartariitiif xiyyeeffannoon kennamuu akka qabu kaa‟ameera. en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya University en_US
dc.title XIINXALA QABIYYEE SIRBOOTA TARTARII OROMOO ARSII, AANAA GADAB HASAASAATTI en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account