Abstract:
Kaayyoon qorannoo kanaa, Xiinxala Fayyadama Afaanii Walaloowwan Zalaalama Abarraa
filataman keessattii xiinxaluudha. Malli qorannoo hojiirra ooles, mala qorannoo „akkamtaa‟
yemmuu ta‟u, Maddi ragaalee qorannichaaf dhimma itti bahame, madda ragaa sadarkaa
tokkoffaati. Gama biraatiin, Iddattoon qorannoo kanaaf filataman walaloowwan matadureen
isaanii: „Utuu!‟, „Ana „Anaafi Ana‟, „Asiifi Achi‟ fi „Malli Maali?‟ kanneen jedhaniidha. Malli
funaansa ragaalee hojiirra oolemmoo, mala qaaccessa harshammee yoo ta‟u, ragaalee
funaanaman mala qaaccessa ragaalee, allakkoofsawaatti dhimma bahuun qaacceffamani.
Kanaanis walqabatee, argannoowwan qorannoo kanaan bira gahaman: haalli itti fayyadama
afaanii walaloowwan filataman keessatti hojiirra ittiin oolan, kan garaagarummaa haala
qabatamaa hawaasa keessa jiru ibsuurratti xiyyeeffate ta‟uusaa, jechoonni walaloowwan
filataman kessaatti dhimma itti bahaman kanneen amaloota, gochoota, sochiilee namoota irraa
mul‟atan bifa yaad-fakkiitiin sammuu jamaa keessatti suuressan ta‟uusaanii, Jechootni
filatamanii dhimma itti bahaman, jechoota ummanni adeemsa jiruufi jireenya isaa keessatti itti
fayyadamu ta‟uurraa kan ka‟e hubannaa namootaa kan hindanqine ta‟uusaaniifi haalli
fayyadama afaanii walaloowwan filataman keessatti hojiirra ittiin oolan, haala jechoota
afaaniitiin sammuu namaa keessatti fakkii yaadaa suuressuu danda‟aniin kalaqaman ta‟uu
isaaniiti. Dhumarratti, yaadotni yaboo qorannichaa akka ta‟aniif qoratichaan eeraman haala fayyadama afaanii, walaloowwan filataman keessatti dhimma bahaman akka muuxannoo
fakkeenyummaa gaariitti fudhatamuun namootni biroo dirree hojiilee kalaqa walaloo irratti
bobba‟anii jiraniifi fuula duraaf hawwii qaban akka irraa barataniif osoo haalli mijateefii gaarii
ta‟a