Xiinala Fayyadama Afaanii Walaloowwan Zalaalam Abarraa Filataman Keessatti

Show simple item record

dc.contributor.author Shifarraa Badhaadhaa
dc.date.accessioned 2026-06-22T07:49:14Z
dc.date.available 2026-06-22T07:49:14Z
dc.date.issued 2025-11
dc.identifier.uri http://ir.haramaya.edu.et//hru/handle/123456789/8703
dc.description 89p. en_US
dc.description.abstract Kaayyoon qorannoo kanaa, Xiinxala Fayyadama Afaanii Walaloowwan Zalaalama Abarraa filataman keessattii xiinxaluudha. Malli qorannoo hojiirra ooles, mala qorannoo „akkamtaa‟ yemmuu ta‟u, Maddi ragaalee qorannichaaf dhimma itti bahame, madda ragaa sadarkaa tokkoffaati. Gama biraatiin, Iddattoon qorannoo kanaaf filataman walaloowwan matadureen isaanii: „Utuu!‟, „Ana „Anaafi Ana‟, „Asiifi Achi‟ fi „Malli Maali?‟ kanneen jedhaniidha. Malli funaansa ragaalee hojiirra oolemmoo, mala qaaccessa harshammee yoo ta‟u, ragaalee funaanaman mala qaaccessa ragaalee, allakkoofsawaatti dhimma bahuun qaacceffamani. Kanaanis walqabatee, argannoowwan qorannoo kanaan bira gahaman: haalli itti fayyadama afaanii walaloowwan filataman keessatti hojiirra ittiin oolan, kan garaagarummaa haala qabatamaa hawaasa keessa jiru ibsuurratti xiyyeeffate ta‟uusaa, jechoonni walaloowwan filataman kessaatti dhimma itti bahaman kanneen amaloota, gochoota, sochiilee namoota irraa mul‟atan bifa yaad-fakkiitiin sammuu jamaa keessatti suuressan ta‟uusaanii, Jechootni filatamanii dhimma itti bahaman, jechoota ummanni adeemsa jiruufi jireenya isaa keessatti itti fayyadamu ta‟uurraa kan ka‟e hubannaa namootaa kan hindanqine ta‟uusaaniifi haalli fayyadama afaanii walaloowwan filataman keessatti hojiirra ittiin oolan, haala jechoota afaaniitiin sammuu namaa keessatti fakkii yaadaa suuressuu danda‟aniin kalaqaman ta‟uu isaaniiti. Dhumarratti, yaadotni yaboo qorannichaa akka ta‟aniif qoratichaan eeraman haala fayyadama afaanii, walaloowwan filataman keessatti dhimma bahaman akka muuxannoo fakkeenyummaa gaariitti fudhatamuun namootni biroo dirree hojiilee kalaqa walaloo irratti bobba‟anii jiraniifi fuula duraaf hawwii qaban akka irraa barataniif osoo haalli mijateefii gaarii ta‟a en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso other en_US
dc.publisher Haramaya University en_US
dc.title Xiinala Fayyadama Afaanii Walaloowwan Zalaalam Abarraa Filataman Keessatti en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account