Abstract:
Qoraannoon kun qabiyyeewwan mammaaksota daa’immaniin walqabatanii xiinxaluu irratti
kan xiyyeeffateedha. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaas, qabiyyeewwan mammaaksota
daa’immaniin walqabatanii xiinxaluun kaa’uudha. Qorannoon kun gosa qorannoo akkamtaa
waan ta’eef, mala qorannoo akkamtaatiin xiinxalame. Maddi ragaa qorannichaas, madda
ragaa tokkoffaafi lammaffaadha. Maddi ragaa tokkoffaa, manguddoota waa’ee mammaaksaa
gadifageenyaan beekan.Meeshaaleen ragaaleen ittiin funaanaman ammoo, madda ragaa
tokkoffaa afgaaffiifi marii garee xiyyeeffatedha. Maddi ragaa lammaffaan ammoo,
harshammee irraa kan argamedha. Malli idaattessuu itti dhimma bahames idaattessuu miticarraa
darbaa dabarsaati. Odeeffannoo barbaachisoo ta’an meeshaalee funaansa ragaalee
olitti ibsamaniin erga funaanamanii booda mala xiinxala ragaalee akkamtaatti fayyadamuun
xiinxalamaniiru. Xiinxala ragaalee taasifame irratti hundaa’uun argannoowwan garaa
garaatu argame.Mammaaksonni daa’imman waliin wal qabatan qabiyyeewwanfi tajaajilaalee
kanneen akka daa’imman gorsuufi qajeelchuu,seenaa, aadaa fi duudhaa Akaakileefi
Abaabilee barsiisuu, safuu barsiisaafi naamusaan amala gaariin guddisuudha. Argannoo
kana bu’uura godhachuun: hawaasni Oromoo mammaaksota daa’immaniin wal qabatanii
qabu kanneen haaluma kanaan jajjabeeffamanii tajaajilaaf osoo dhiyaatanii gaaridha. Kana
malees Mammaaksota Oromoo haala jiruufi jireenya hawaasaa keessatti barsiisuuf, gorsuuf,
dheekkamuuf, qeequufi qajeelchuuf, oolan badii irraa hambisuun faayidaa kennuu qaban akka
kennaniif ergaan isaanii xiinxalamee qindaa’uun haalatti olkaa’amuun danda’amu osoo taasif
amee. Haala itti qabiyyee barnootaa keessatti hammatamu osoo umamee, kana galmaan
ga’uuf immoo lammiin hundi harka walqabatee, waltumsee kan dhokate mul’isuuf, kan
dagatamee yaadachiisuuf socho’uu qaba.