XIINXALA QABIYYEEWWAN MAMMAAKSOTA OROMOO DAA’IMMANIIN WALQABATANII: GODINA ARSII AANAA DODDOTAATTI

Show simple item record

dc.contributor.author Unguu Tulluu, Almaaz
dc.contributor.author Amaan (PhD), Jaylaan
dc.date.accessioned 2018-01-28T23:49:41Z
dc.date.available 2018-01-28T23:49:41Z
dc.date.issued 2011-01
dc.identifier.uri http://localhost:8080/xmlui/handle/123456789/921
dc.description 64p. en_US
dc.description.abstract Qoraannoon kun qabiyyeewwan mammaaksota daa’immaniin walqabatanii xiinxaluu irratti kan xiyyeeffateedha. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaas, qabiyyeewwan mammaaksota daa’immaniin walqabatanii xiinxaluun kaa’uudha. Qorannoon kun gosa qorannoo akkamtaa waan ta’eef, mala qorannoo akkamtaatiin xiinxalame. Maddi ragaa qorannichaas, madda ragaa tokkoffaafi lammaffaadha. Maddi ragaa tokkoffaa, manguddoota waa’ee mammaaksaa gadifageenyaan beekan.Meeshaaleen ragaaleen ittiin funaanaman ammoo, madda ragaa tokkoffaa afgaaffiifi marii garee xiyyeeffatedha. Maddi ragaa lammaffaan ammoo, harshammee irraa kan argamedha. Malli idaattessuu itti dhimma bahames idaattessuu miticarraa darbaa dabarsaati. Odeeffannoo barbaachisoo ta’an meeshaalee funaansa ragaalee olitti ibsamaniin erga funaanamanii booda mala xiinxala ragaalee akkamtaatti fayyadamuun xiinxalamaniiru. Xiinxala ragaalee taasifame irratti hundaa’uun argannoowwan garaa garaatu argame.Mammaaksonni daa’imman waliin wal qabatan qabiyyeewwanfi tajaajilaalee kanneen akka daa’imman gorsuufi qajeelchuu,seenaa, aadaa fi duudhaa Akaakileefi Abaabilee barsiisuu, safuu barsiisaafi naamusaan amala gaariin guddisuudha. Argannoo kana bu’uura godhachuun: hawaasni Oromoo mammaaksota daa’immaniin wal qabatanii qabu kanneen haaluma kanaan jajjabeeffamanii tajaajilaaf osoo dhiyaatanii gaaridha. Kana malees Mammaaksota Oromoo haala jiruufi jireenya hawaasaa keessatti barsiisuuf, gorsuuf, dheekkamuuf, qeequufi qajeelchuuf, oolan badii irraa hambisuun faayidaa kennuu qaban akka kennaniif ergaan isaanii xiinxalamee qindaa’uun haalatti olkaa’amuun danda’amu osoo taasif amee. Haala itti qabiyyee barnootaa keessatti hammatamu osoo umamee, kana galmaan ga’uuf immoo lammiin hundi harka walqabatee, waltumsee kan dhokate mul’isuuf, kan dagatamee yaadachiisuuf socho’uu qaba. en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya University en_US
dc.title XIINXALA QABIYYEEWWAN MAMMAAKSOTA OROMOO DAA’IMMANIIN WALQABATANII: GODINA ARSII AANAA DODDOTAATTI en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account