Abstract:
Qorannoon kun xiinxala qabiyyee mammaaksota Oromoo dhiirotaafi dubartoota gadi qabanii kitaaba mammaaksa Oromoo Jildii 3ffaairratti bu’uureffachuun dhiyaate. Qorannoo kanaaf ka’uumsa kan ta’e, mammaaksonni Oromoo hedduun qabamanii jiildiiwwan adda addaan kaa’annii qabiyyee, hiikaa fi ergaa isaanii heddumminaan hinxiinxalle. Kana malee mammaaksoonni gadi qaboo koornyaalee lameen irratti mammaakaman miidhaa isaan qaqqabsiisan hayyoota garagaraatiin qorataman baay’inaan hin jiran. Kan jiranillee caalmaatti mammaaksoota gadi qabamuu dubartootaa ibsan irratti xieeffatu. Akkasumas miidhaalee mammaaksonni koorniyaalee lameen gadiqabuuf mammaakaman hawaasa irratti qaban maal maal akka ta’e addaan baasuun hin ibsine. Qoorannoon kunis mammaaksota Oromoo dhiirotaafi dubartoota gadi qaban xiinxaluun hiika mammaaksoonni kunneen qaban ibsuuf irratti xiyyeefata. Qorannoo kana gaggeessuuf mala qorannoo akkamtaa yoo ta’u ragaaleen qorannichaa qaaccesaharshammee fi afgaaffii gargaaramuun funaanamaniiru. Ragaaleen funanamaniis akkataa mammaaksonni ergaa gadi qabaa dhiirotaafi dubartootaa qaban akkaataa galumsa isaaniitiin xiinxalamaniiru.Argannoowwan qorannichaasmammaaksonni Oromoo gadi qabamuu dhiirotaa fi dubartootaa kallattii adda addaatiin akka calaqqisiisan. Kanamalees miidhaaleen gama kanneeniin mul’atanis, hawaasa biratti akka gadaanaatti lakkaa’amuu,qabeenyaarratti aboo dhabuufi mirga filatamuun siyaasa keessatti qooda fudhachuu dhabuun dhiirota jalatti akka bulan taasifamuu fa’a. Ilaalcha hawaasaarraa ka’een, carraan dubartootaa dhiirotaan kan murtaa’u ta’uudha. Yeroo ammaa kana itti fayadamni mammaksota kanneenii hamma tokko hir’ina qabaatus ilaalchonni kana dura hawaasa keessa turan ammas darbanii darbanii kan calaqqisan ta’uun hubatameera.