Abstract:
Qorannoon kun kan irratti xiyyeeffatu Xiinxala hanqina barreeffamoota barjaalee Waajjiraalee Mootummaafi dhuunfaa Godina Arsii Aanaa Asakoorratti. Matadureen qorannoo kun akka qoratamu qoraticha kan kakaase; yeroo baay`ee barreeffamoota barjaalee Aanaa kanaa irratti hanqinoota mul’atan irra deddeebiin arguuisaatiifi kuniis yeroo gara garaatti namoota Afaanicha seeraan dubbisan irraa komiin yeroo gara garaatti ka’uuisaati. Kanaafuu, kaayyoon qorannoo kanaa hanqinoota barreeffamoota barjaalee waajjiraalee mootummaafi manneen hojii dhuunfaa Aanaa Asakoo xiinxaluudha. Mata duree qorannoo kanaaiin kan walqabatan kitaabileen gara garaa sakatta`amani akka sakatta`a barruutti qorannicha keessatti galanii jiru. Qoranno kana geggeessuuf malli qoratichi itti dhimma bahe mala qorannoo akkamtaati.Mala kanaan odeeffannoos funannatee jira, akkasumas, ragaalees xiixaleejira.Dabalataanis, meeshaalee ragaan ittiin funaanaman keessaa daawwannaafi af-gaaffiitti dhimma bahee jira. Bifa kanaan, ragaalee cunfame kanarraa argannoon qoratichaa: barreeffamoota barjaalee waajjiraalee mootummaafi manneen hojii dhuunfaa Aanaa Asakoo keessa hanqinni jiraachuu qoratichi bira gahee jira. Dogoggorri barreeffamoota barjaalee kanneen irratti mul`atanis: jalqabarratti, haala teessuma barjaalee halluu qalama barreeffamoota barjaalee, seeraan qubeessuu dhabuu, sirna tuqaaleetti seeraan fayyadamuu dhabuufi caasaa seera afaanichaa hordofee barreeffamuu dhabuu faatu mul’ate. Maddi dogoggora barreeffamoota barjaalee kunniin: xiyyeeffannaa itti kennuun barreeffamuu dhabuu, namoonni barreeffamoota kanneen barreessan seera barreeffamaafi fayyadama afaaniirratti gahuumsa dhabuufi kanaaniis walqabatee leenjii gara garaatiis akka hin fudhatiin adda baafamee jira. Kana bu`uureffachuun qoratichi yaada furmaataa kennee jira.Barreeffamoonni barjaalee waajjiraalee mootummaafi manneen hojii dhuunfaa Aanichaa haala teessumaa, filannoo halluu barreeffamaa, qubeessuu, sirna tuqaaleefi caasaa afaanii irratti xiyyeeffachuun gaarii ta`a. Qaamoleen dhimmi isaa ilaaluus hanqinoota mul’atan kana furuuf ogeessota afaanii waliin ta`uun leenjii gara garaa yeroo yeroon osoo fudhachiisanii gaariidha. Dabalataanis barreeffamoota barjaalee kanaas osoo barreeffamee hin maxxanfamin ogeessi afaanichaa waajjira keessa jiraatee gulaalee waan gaariidha jechuun qoratichi yaada furmaata ni ta’a jedhees kaa’ee jira