Abstract:
Kaayyoon bu’uura qorannoo kanaa, meeshaalee aadaa Oromoo godina Harargee Bahaa aanaa Haramaayaa xiinxaluudha. Ka’umsi qorannichaa meeshaalee aadaa Oromoo irratti xiinxalli taasifame gahaa miti. Qorannoon kun kan gaggeeffame aanaa Haramaayaa keessatti yogguu ta’u meeshaalee aadaa yoomessaafi gosaan qooduu, meeshaaleen kun maalfaa akka ta’an, haala kamiin tajaajilarra akka oolan, maalirraa akka hojjetaman, sadarkaa kamiin akka itti dhimma bahamu, faayidaa isaan qaban ibsuufi waantota aadaa wajjin walqabatan xiinxaluun ibsa itti kennuudha. Saxaxni qorannoo kanaa kaayyoo qorannoon kun adeemsifamuuf kaa’ame galmaan gahuuf dhimmoota qorannichi ittiin gaggeeffaman ofjalatti kan hammatedha. Qorannoo kana gaggeessuuf akkaataa gaaffilee qorannichaa bifa quubsaa ta’een deebisuuf qorataan akka mijatutti gosa saxaxa qorannoo akkamtaa keessatti ragaalee dhiyaatan gadi fageenyaan sakatta’uun qulqullinaan ibsuudhaafi mala kana filachuun qorannoo kun caalaatti bu’aa qabeessa kan godhedha. Maddi ragaalee qorannoo kanaa madda ragaa tokkoffaafi lammaffaan qoodamanii dhihaatanidha. Qorannoo akkamtaa qorataan odeeffannoo walitti qabachuuf malleen qorannoo akka Af-gaaffii, Marii garee, Sakatta'a Galmeewwaniifi daawwannaa dirreen tooftaa mala rog-sadeessuutti dhimma baheera. Meeshaaleen aadaa hawaasicha keessatti argaman lakkoofsan hedduu yoo ta’anillee tokko tokkon addaan baasanii xiinxaluuf yaalame jira. Argannoo qorannicha keessatti tuqaman irratti hundaa’uun meeshaleen aadaa mallattoo eenyummaafi duudhaa ibsuu qabaniifi kabaja kennan dhalootaaf dabarsuu akka danda’an bira ga’ameera. Meeshaalee aadaa miidhagina kennuurra darbee hawaasa Oromoo aanaa Haramaayaa calaqqee eenyummaa isaa kan mul’isu waan ta’eef gara fuulduraatti aadaan isaa addunyaa waliin deemuu akka danda’amuufi aadaa saba biroos akka hammatu qaamni ilaallatu hundi bifa qindaa’een waliin hojjete gaarii ta’a.