IBSA AMALTOLTUMMAA HAASAWA AFAAN OROMOO: AANAA HABROO MAGAALAA GALAMSOO KEESSATTI

Show simple item record

dc.contributor.author Abdallaa Muhaammadiitiin, Biiftuu
dc.contributor.author Amaan, (PhD) Jeeylaan
dc.contributor.author Bayyanaa, (PhD) Imaanaa
dc.date.accessioned 2021-10-29T06:46:19Z
dc.date.available 2021-10-29T06:46:19Z
dc.date.issued 2020-02
dc.identifier.uri http://localhost:8080/xmlui/handle/123456789/4334
dc.description 108p. en_US
dc.description.abstract Qorannoon kun Amaltoltummaa Haasawa Afaan Oromoo keessatti hawaasni Aanaa Habroo Magaalaa Galamsoo fayyadamu ibsuu irratti kan xiyyeeffateedha. Ka’uumsi qorannoo kanaa inni guddaan xiinqooqa Afaan Oromoo keessatti dhimmi amaltoltummaa xiyyeeffannoo argatee qorannoon bifuma kamiinuu irratti kan hin hojjatamne ta’uusaafi fedhii qaawwa gama kanaan jiru guutuuf qorattittiin qabdu. Kanumaan wal qabatee kaayyoon qorannoo kanaas amaltoltummaa haasawa Afaan Oromoo Magaalaa Galamsoo keessatti hawaasichi itti fayyadamu ibsuudha. Ragaaleen qorannoo kanaas namoota waa’ee amaltoltummaa hubannoo qaban kanneen mala iddatteessuu dhimmataatiin filataman irraa meeshaalee funaansa ragaalee kanneen akka bargaaffii banaa, afgaaffiifi hubdaawwannaatiin funaannamee mala akkamtaatiin xiinxalameera. Xiinxala kanaanis wantootni haasawaa Afaan Oromoo keessatti amaltoltummaa agarsiisaan ibsa fuulaafi sochiilee qaamaa, jechootaafi; haalootaafi amaloota gaarii akka ta’an adda baafamaniiru. Amaltoltummaan hawaasni fayyadamus seeqachuu, mataa sossoosuu, harka walitti olqabuu, harka walfuudhuu fa’a. Kana malees, ‘Dhiifama’, ‘Galatoomaa’ jechuu, ‘Nagayaa’ fi ‘Nagayatti’ waliin jechuufi jechoota maqaafi bamaqaa amaltoltummaa agarsiisan; akkasumas, nagaa gaafachuu, hadhaadhiyyuufi sagalee laaffisanii haasawuu fa’a akka ta’an adda baafamaniiru. Faayidaaleen amaltoltummaa: kabajaa waliif agarsiisuuf, wal galatoomfachuuf, hiriyummaafi firooma cimsuuf, keessummaa keessummeessuufi hojii irratti waljajjabeessuufi. Akka yaada furmaataatittis, wantootni amaltoltummaa agarsiisan galumsa haasawaa garagaraa keessatti osoo jajjabeeffamanii gaariidha. Wantootni amaltoltummaa agarsiisanis gama barreeffamaattis osoo deebi’anii, gama danda’ame kamiinuu hubannoon hawaasni amaltoltummaafi faaydaalee isaa irratti qabu akka cimu osoo godhamee gaariidha. en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya university en_US
dc.title IBSA AMALTOLTUMMAA HAASAWA AFAAN OROMOO: AANAA HABROO MAGAALAA GALAMSOO KEESSATTI en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account