| dc.contributor.author | Baqqalaa, Kaffiiyaaloo(MA) | |
| dc.contributor.author | Amaan, Jeyilaan(PhD) | |
| dc.contributor.author | Baldaa, Fiqaaduu (gargaaraa pirof.) | |
| dc.date.accessioned | 2022-02-21T08:05:19Z | |
| dc.date.available | 2022-02-21T08:05:19Z | |
| dc.date.issued | 2021-07 | |
| dc.identifier.uri | http://ir.haramaya.edu.et//hru/handle/123456789/4775 | |
| dc.description | 60 | en_US | 
| dc.description.abstract | Kaayyoon qorannoo kanaa caasaafi qabiyyee deebii hiibboo Oromoo xiinxaluu yoo ta’u, bakki itti gaggeeffames naannoo Oromiyaa Godina Arsii AanaaDiksiis keessattiidha. Ka’uumsi qorannookanaas naannoo kanatti haalli itti fayyadama hiiboo gadi bu’aadha.Caasafi deebilee hiibboo ijoolleen taphatan xiinxalamee qindaawuun hubatamaa dalootaaf darbaa akka deemu gochuurrati laafinni kan jiru ta’uu qorataan kun hubachuu danda’ee jira.Saxaxni qorannoon kun ittiin gaggeeffames saxaxa qorannoo qulqulleeffannaa(akkamtaa) keessaa sanyabsaatti gargaaramuun yoo ta’u, maddi ragaalee ammoo manguddoota naannoo qorannoojiran keessaa warra hiibborrati beekumsaafi muuxannoo qaban irraa ragaaleen funaanamee jira.Ijoolleen yeroo hiibboo taphatan daawwachuun ragaan akka walitti qabamu ta’ee jira. Maddi ragaalee qorannoo kanaa madda ragaa tokkoffaa manguddoota yoota’an; Malli iddattoowwan ittiin funaanaman mala iddatteessuu miti carraa keessaa akkaayyoon tajaajila irra oolee. Malleen ragaaleen ittiin funaanaman afgaafii, mariigareexiyyeeffateefi daawwannaadha. Ragaaleen funaanamanis gadifageenyan qaacceffaman. Ragaalee qaacefaman irraa argannoowwan argaman akka muldhisanitti caasaafi qabiyyeen deebilee hiibboo naannoo qorannoo kanaa xiinxalamee adda bahee taa’un akka itti fayyadamaniifi dhaloota itti aanuf akka darbu wanti hojjatame hinjiru. Akkasumas, faayidaan hiibboo bashannansiisun alatti hubannoon isaan qaban gadi’aanadha. Hiibboo yeroo ammaa akka waan yeroon irra darbeetti kan ilaalaniifi maatiin ijoollee isaanii hiibboo kan itti hin himneefi hin shaakalsiifne; hubannoon akka cimu kan hin taasifne yoo ta’u;Ijoollenis galgala ta’ee yeroo boqonnaa isaanii hiibboo taphachuurra gara meeshaalee teeknoloojii kanneen akka Raadiyoo,Televizhnifi Mobaayiliitti kan xiyyeeffatan ta’uun qorannoo kanaan mirkanaayee jira. Kanaafis yaboowwan taa’e maatiifi barsiisonni afaanii hubannoon caasaafi qabiyyee deebilee hiibboo akka cimuufi laafinni faayidaa hiibboo ijoolleefi hawaasa bira jiru akka fooyya’u xiyyeeffannoon warri ogeeyyii afaanii osoo irratti hojjatanii gaaridha. Akkasumas Waajjirri aadafi Turiizimii Oromiyaas ta’ee kanGodinaafi aanaa waa’ee hiibboo, caasaafi qabiyyee deebilee isaa waliin qindeessanii teechisuun osoo irratti hojatanii barbaachisaadha. Dabalataanis ijoolleen akka itti fayyadamaniifi hubannoon hawaasa keessa jiru akka cimu barsiisonni Afaan Oromoos osoo irraatti hojjatanii gaariidha. | en_US | 
| dc.description.sponsorship | HARAMAYA UNIVERSITY | en_US | 
| dc.language.iso | en | en_US | 
| dc.title | XIINXALA CAASAAFI QABIYYEE DEEBII HIIBBOO OROMOO ARSII AANAA DIKSIIS | en_US | 
| dc.type | Thesis | en_US |