LAGANNAA FI LAGUU OROMOO ARSII, SHANAN WAAYYUU BIRATTI

Show simple item record

dc.contributor.author Amaan, Tamiimaa(MA)
dc.contributor.author Bayyanaa, Imaanaa (PhD)
dc.contributor.author Amaan, Jeeylaan (PhD)
dc.date.accessioned 2022-02-22T06:35:16Z
dc.date.available 2022-02-22T06:35:16Z
dc.date.issued 2021-06
dc.identifier.uri http://ir.haramaya.edu.et//hru/handle/123456789/4791
dc.description 75 en_US
dc.description.abstract Kaaayyoon gooroo qorannoo kanaa ‘Lagannaa fi Laguu Oromoo Arsii Shanan Waayyuu irratti xiyyeffate. Qorannicha keessatti gosti qorannoo ibsaa kan dhimma ba’ame yoo ta’u, madda ragaa tokkoffaa irraa odeffannoon fudhatameera. Haaluma kanaan, jamaan qornnichaa haawwanii fi abboolii Waayyuu Shananii fi ogeeyyii Waajjira Aadaa fi Turizimii Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee yemmuu ta’an dhiirota 10 fi dubartoota 7 Iddatteessuu kaayyeffataa fi iyyaafannoon filatamaniin ragaaleen isaan irraa funaanameera. Daawwannaa, af-gaaffiifi mariin garee xiyyeeffate tajaajila irra oolaniiru. Ragaaleen funaanaman haala walfakkeenya isaaniitiin gurmeessuun mala akkamtaatin xiinxalamaniiru. Xiinxala kanaanis, jechoonni laguu maalirra akka turanii fi yeroo ammaa maal irra akka jiranii fi hubannoon hawaasni jechoota lagurratti qabu ibsamaniiru. Argannoon qorannoo kanaas laguu fi lagannaan yeroo ammaa akkaataa duriitti hojii irra hin jiru. Keessattuu, naannoo magaalaatti guutumaan guututti kan dhiifame yemmuu ta’u, naannoo baadiyyaatti garuu, hanga tokko kan itti fayyadaman ta’uu isaati. Innumti baadiyyaatuu akkaataa duriitiin kan dhimma itti bahaa hin jirreedha. Laguu fi lagannaan kun yeroo ammaa magaalaa irra baadiyyatti hojiirra akka oolu hubatameera. Akkasuma laguu kanatti fayyadamuun walqabatee amantiin dhiibbaa akka itti godhe hayyootarraa hubachuun danda’ameera. Lagannaan kallattii hundaan Jaalalaa fi kabaja guddaa ibsuuf humna cimaa qabaachuu; lagannaan yeroo ammaa haala duraan Oromoon Arsii Shanan Waayyuu dhimma itti ba’aa tureen kan hinjirre ta’uu fi hawaasa keessatti waan Oromoo fi waan ormaa addaan baasanii beekuu dhabuun namoota muraasa biratti kan mul’atu ta’uusaati. lagannaan faayidaa walitti dhufeenya hawaasaa waan cimsuuf, gama miidiyaaleetiinis, ummata osoo barsiisanii, akkasuma, kitaabilee barnoota Afaan Oromoo keessatti akka mata-duree tokkootti barattootaaf osoo qophaa’ee gaarii ta’a. lagannaa kana sirnoota (waltajjiilee) adda addaa irratti bifa gara garaatiin osoo dhiheessanii gaarii ta’a. Qorattoota aadaa hawaasaa irratti qorannoo gaggeessaniif gama waajjiraaleetiinis ta’ee, qaamni dhimmi ilaalu marti deeggarsa osoo taasisee. Aadaa qorataman kanas, iddoolee adda addaatti haala mijeessuun fakkeenyaaf manneen kitaabaa keessa kaa’uun akka dubbifaman osoo godhamanii. Akkasumas, karaa Waajjiraalee Aadaa fi Turizimii Bulchiinsa Magaalaa Shaashamanneetiin, hawaasni aadaa jechoota laguutti waltajjjiilee fi jila hawaasummaa adda addaa irratti bifa bar-tapheetiin akka ibsamu osoo godhamee gaarii ta en_US
dc.description.sponsorship HARAMAYA UNIVERSITY en_US
dc.language.iso other en_US
dc.title LAGANNAA FI LAGUU OROMOO ARSII, SHANAN WAAYYUU BIRATTI en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account