dc.description.abstract |
Kaayyoon gooroo, qorannoon kun gaaleewwan kitaaba barnoota Afaan Oromoo kutaa 11ffaa keessatti
argamu ibsuufi xiinxaluudha. Haala dhiyeessa gaalee kitaaba barnootaa kutaa 11ffaa xiinxaluun
fooyya’iinsa baruufii barsiisuu Afaan Oromoo irratti fida waan ta’eef qorannoon akkasii
barbaachisaadha. Malli akkamtaa qorannoo kana keessatti kan dhimma bahame yoo ta’u maddi ragaa
inni itti dhimma bahes madda ragaa sakatta’a harshammee kan akka kitaaba barataafi qajeelcha
barsiisaa Afaan Oromoo kutaa 11ffaa bara 2005 qophaa’anidha. Iddattoon qorannicha keessatti
dhimma bahame iddattoo miticarraa akkayyoo yoo ta’u sakatta’a harshammee gargaaramuun
ragaaleen caatoo, unkaa, akkasumas gabateefi himaan qaacceffamaniiru. Kana malees qorannichi
hariiroo gaaleewwan qaban akka argannootti gahee gaaleen Afaan Oromoobarsiisuu keessatti qabu
kanneen akka:qaamolee himaa ta’uun tajaajiluu,mataduree gaarii tokko dhiheessuufi afoolotni Oromoo
kanneen akka jechamaa bifa gaaleetiin akka dhihaatan adda baheera. Kana malees , tooftaa ittiin
gaaleetti gargaramuun gosoota gaalee salphaatti addaan baafatan; gaaleewwan Afaan Oromoo
bifa kamiin akka caaseffaman, hariiroon gaalee, maal akka ta’an kan ittiin xiinxalamanidha.
Argannoon isaas dhiyeenyi qabiyyee gaaleewwaanii kitaaba barnoota Afaan Oromoo kutaa 11ffaa
bakka tokkotti walitti hacuucamuun yoodhihaate dhiibbaa kan qabu ta’uu isaa kan ittiin qaacce
ffamanidha.Yaadni furmaataa isaas Warreen meeshaalee barnootaa qopheessan qabiyyee
gaaleewwanii bakkuma tokkotti walitti hacuucuun dhiheessuurra boqonnaalee adda addaarratti
yoo raabsan bu’a qabeessa akka ta’e kan ittiin ibsamedha. |
en_US |