Abstract:
Kaayyoon qorannoo kanaa weelluu buxxuulaa xiinxaluudhaan dhaloota dhufufuuf bifa 
barreeffamaatiin olkaahuudha. Mata duree kanarratti qorannoon kun akka gaggeeffamuuf 
ka’umsa kan ta’ e, weelluun buxxuulaa afaaniin darbuun ala ragaa barreeffamaan qindaa’e 
dhabuufi ammayyummaa sababeeffachuun weelluun buxxuulaa sardakaa duraan jiru irraa gadi 
bu’aa adeemuun sadarkaa dagatamuurra ga’uu isaati. Qorannoon kun gosa qorannoo 
sanyabsaati. Saxaxni qorannoo kanaa immoo akkamtaadha. Qorannoo kana keessatti qorataan 
iddattoowwan qorannoo isaaf mijatu filateera. Kanaanis gosoota iddatteessuu miti carraa 
fayyadamuu danda’eera. Gosoota iddatteessuu miti carraa keessaa mala iddatteessuu 
akkaayyootti kan gargaarameedha. Meeshaalee funaansa ragaalee keessaa afgaaffii, 
daawwannaafi marii gareen hojiirra kan oolame ta’ee odeeffannoowwan meeshaalee kanneeniin 
walitti funaanaman mala ibsaan xiinxaalamaniru. Adeemsa xiinxala qorannoo kanaa keessatti 
argannoowwan bira ga’aman weelluun buxxuulaa weelluu jaalalaa ta’uu, weelluun buxxuula 
dhimmoota akka diinagdeefi hawaasummaa kan ibsu ta’uu. Yoomessi weelluu buxxuulaa kan 
hindaangoofne ta’uu, qooda fudhattoonni weelluu buxxuulaa hawaasa hunda keessumaa 
dargaggeessaafi dargaggeettii ta’uu, weelluun buxxuulaa yeroo ammaa sadarkaa dagatamurra 
gahuun isaa adda baheera. Yaboo qorannoo kanaa keessattis weelluu buxxuulaaf 
xiyyeeffannoon kennamuu akka qabu kaa’ameera.