XIINXALA HIBBOO OROMOO AFRAN QALLOO IJA QOR-BARNOOTAATIIN: BARNOOTA AL-IDILEE KEESSATTI

Show simple item record

dc.contributor.author Dammituu Tolaa Atoomsaatiin
dc.contributor.author Imaanaa Bayyanaa (PhD
dc.contributor.author Jeelaan Amaan (PhD)
dc.date.accessioned 2023-05-31T07:04:28Z
dc.date.available 2023-05-31T07:04:28Z
dc.date.issued 2023-04
dc.identifier.uri http://ir.haramaya.edu.et//hru/handle/123456789/6288
dc.description 83 en_US
dc.description.abstract Qorannoo kana geggeessuu keessatti malli akkamtaa hojiirra ooleera. Hirmaattonni qorannoo kanaas maanguddoota aadaa hawaasichaa wajjin wal beekan, ijoollee/Daa’imman dhiiraafi shamarran, barsiisota afaan Oromoo manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa Hara-Jiituutti barsiisani. Iddattoon qorannichaa iddattoo miti carraa kan ta’e iddattoo iyyaafannooti. Meeshaaleen funaansa ragaalee kanneen akka af-gaaffii, daawwannaa keessaafi alaa, marii garee xiyyeeffataa kanneeniitti dhimma bahameera. Ragaaleen haala kanaan funaanaman mala akkamtaatti gargaaramun xiinxalamaniiru. Haaluma kanaan, Qor-barnoonni tooftaafi yaalii barsiisuu mala barsiisuu ta’ee kaayyoo barnootaafi milkaa’ina barnootaati. Kana malees, qindeessii teeknikaafi tarsiimoo barnootaa ta’ee barachuudhaan ijoollonni beekumsa ga’aa ta’ee, dandeettii, ilaalchaafi amala galumsa hawaasa tokkoofi meeshaalee keesssatti akka argataniif isaan gargaara. Qorannoon kunis gooroowwan og-afaanii keessaa hibboo yeroo ta’u, gaheewwan hibboo ija qor-barnootaan: barnoota al-idilee keessatti ijoolleef gama adda addaan xiinxalee dhiyeesseera. Haaluma kanaan, argannooleen qorannichaas hibboo Oromoo Afran Qalloo biratti afoola cimaa daa’immaniifi maatiin hariiroo akka cimsatan gargaaruun alatti miseensonni maatii galgala galgala gamtaan kan taphatan ta’uun adda baheera.Keessattuu, daa’imman/ijoolleen tapha hiibboo keessaan irbaata akka eeggataniif mukuu baasuun alatti bashannansiisuufi barsiisuufillee gahee olaanaa qaba. Kana malees hibboon maqaaleefi lakkoofsa, safuufi aadaa hawaasaa, hiriyummaafi jaalala, akkasumas sonota hawaasaa biroo barsiisuuf oola. Gosti hibboo naannoo kanaas hibboo Hibibi/hibakaa qofa kan gargaaraman ta’uun hubatameera. Barnoota al-idalaawaa keessatti hibboon gaheewwan akka ija jabina horachuu, ofitti amanummaa qabaachuu, dandeettiwwan afaaniin daran cimoo ta’uu, dandeettii kalaqaafi waa yaaduu horachuu daa’immanii cimsuf oola. Haaluma kanaan ijoollee gahoomsuuf, cimsuuf, safuu hawaasaa barsiisuuf gaheen hibboo guddaa akka ta’e adda baheera. Kana malees, hibboon qulqullinaan barsiisuun yaaliiwwan qor-barnootaa ta’ee ijoolleen beekumsa akka argatan, hojimaatileefi karaa ittiin dandeettiin namaa guddatudha. Akka waliigalaatti, hibboon ijoollee kakaasuun alatti akka mala bashannanaatti fudhatama. Yeroo ammaa haala raawwiis ta’ee hibboon Oromoo Afran Qalloo biratti heddumminaan kan hin mul’anne waan ta’eef daa’immaniifi gareen hawaasaa biroo hibboon akka itti fufu utuu godhanii gaarii ta’a. Akkasumas, Barsiisonni Afaan Oromoo naannoo qorannichaa faayidaa hibboon qabu ijoolleetti himaa akka isaan maatii gidduutti walitti fufiinsaan taphatan utuu kakaasanii gaarii ta’a. Kana malees, ogeessonni sirna barnootaa hibboon duudhaa, safuufi aadaa naannoo ijoollee barsiisuu keessatti gahee inni qabu hubachuun sina barnootaa keessa galchanii dhalootaa dhaloottatti akka daddarbu utuu godhanii gaarii ta’a. en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya University en_US
dc.title XIINXALA HIBBOO OROMOO AFRAN QALLOO IJA QOR-BARNOOTAATIIN: BARNOOTA AL-IDILEE KEESSATTI en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account