| dc.description.abstract | Qorannoon kun Qaaccessa Ergaafi Qabiyyee Sirba Lakkoo Oromoo Ituu Godina Haragee 
Lixaa Aanaa Habroo ibsuu irratti xiyyeeffata. Kanumaan walqabatee hanga ammaatti qoran noon
qaaccessa sirba lakkoo raawwii gaa’ela Oromoo Ituu Aanaa Habroo keessatti gaggeeffame hin 
jiru. Bu’uuruma kanaan, kaayyoon gooroo qorannichaa sirboota Lakkoo haala raawwii Gaa’ila 
Oromoo Ituu Aanaa Habroo keessatti xiinxaluun hiika itti kennuu yoo ta’u, gaaffileen qorannichaas 
yoomessa sirboota lakkoo Oromoo Ituu maal akka tahan, qabiyyeewwan sirboota lakkoo, Ergaawwan 
sirboota lakkoo Ormoo Ituu maal akka tahan kaayyoowwan gooree waliin walitti hidhachuun deebii 
argataniiru. Haalma kanaan qorannon ergaafi qabiyyee sirba lakkoo Oromoo Ituurratti 
gaggeeffame waan hinjirreef naannawa kanatti qorannoo gageesuun barbaachisaa dha. Mata 
duree kanaan walqabatee yaadoleefi kitaabileen wabii garagaraa sakatta’amuun qorannicha kan 
utabanidha. Qorannichis ergaafi qabiyyee sirba lakkoo Aanaa Habroo keessaa ganda 3 irratti
kan xiyyeeffate yoo ta’u, maddi ragaalee qorannichaa madda ragaa tokkoffaafi madda ragaa 
lammaffaati. Madda ragaa tokkoffaa manguddootaafi hawwan gandoota ibsaniifi ekispartoota 
Waajjira Aadaafi Turiizimii aanichaati. Kana malees maddi ragaalee lammaffaa barruuleefi 
kitaabota adda addaa irraa argamaniiru. Malli iddattoo miti carraa kaayyoofi darbaa dabarsaa 
kan dhimma itti bahaman yoo ta’u, meshaaleen funaansa ragaalee afgaaffiifi marii gareefi 
daawwannaan dhimma bahamaniiru. Ragaaleen funanamanis mala qorannoo akkamtaafi 
ibsaatiin galumsa aadaa hawaasaa keessatti xiinxalamaniiru. Sirbi lakkoo weedduwwan 
shaggooyyee, dhiichisaa, heelleefi heellamaa kan ofkeessaa qabu yoo ta’u dhimmoota bohaarsuuf, 
seenaa, faarsuuf,arrabsuu, barsiisuufi qabeenyaa ibsa.Sirba lakkoo Oromoo Ituu Aanaa Habroo 
eenyummaa, duudhaafi aadaa hawaasichaa kallattiinis ta’ee alkallattiin gadifageenyaan kan 
ibsanidha. Beektonni Oromoo Biirooleen Aadaafi Turizimii, Biiroon Barnootaa, barsiistonniifi 
qooddattoonni biroo duudhaa kanarratti daran qorannoo bal’aa gaggeessuun beeekkkumsa 
hawaasaa giddisuu qabu | en_US |