QAACCESSA AFWALALOOWWAN OROMOO KUNUUNSA NAANNOO JAJJABEESSAN: BULCHINSAA MOOTUMMAA NAANNOO UUMMATAA HARARII AANAA SOOFII IRRATTI XIYYEEFFACHUUN

Show simple item record

dc.contributor.author Firoomsaa Toleeraatiin
dc.contributor.author Imaanaa Bayyanaa (PhD)
dc.contributor.author Fiqaaduu Baldaa
dc.date.accessioned 2023-11-09T06:27:07Z
dc.date.available 2023-11-09T06:27:07Z
dc.date.issued 2023-06
dc.identifier.uri http://ir.haramaya.edu.et//hru/handle/123456789/6853
dc.description 89 en_US
dc.description.abstract Qorannoon kun dhimma qaaccessa afwalaloowwan Oromoo kunuunsa naannoo jajjabeessan kan Aanaa Soofii irratti xiyyeeffachuun kan dhiyeessedha. Kaayyoon gooroo qorannichaa qaaccessa afwalaloowwan Oromoo kunuunsa naannoo jajjabeessan kan bulchinsa mootummaa maannoo ummata Hararii Aanaa Soofii irratti xiyyeeffachuun qaacccessudha. Gosti qorannoo kanaa qorannoo ibsaa yoo ta’u xiinmalli qorannoo ammoo akkamtaadha. Iddattoon miti carraa, akkayyoo fi darbaan dabarsaan dhimma itti bahame yoo ta’u, ragaaleen qorannichaa madda ragaa tokkoffaa irraa funaanaman. Meeshaaleen funaansa ragaalee kanneen akka afgaaffii fi marii garee xiyyeeffannoo qorannoo kana keessatti dhimma itti bahamaniiru. Ragaaleen qorannoo kanaa irra caalatti afgaaffii fayyadamuun namoota bareessuu fi dubbisuu hin dandeenye irraa funaaname. Ragaaleen funaanamanis qabiyyeewwan afwalaloo kunuunsa naannoo keessatti ibsamaniin walqabate qabiyyeewwan ijoo afwalaloowwan Oromoo kunuunsaa naannoo jajjabeessanis, Dhiqama biyyee hir’isuu, Kunuunsa laggeennii, gaarreenii. dachee, bosonaa, qophaa’ummaa, dabeessa gorsuu fi luynummaaf gantummaa agarsisuuf dhiyaatedha. Afwalaloowwan dhimmoota kunuunsaa naannoo jajjabeessan akka bulchinsaa Aanaa Soofii qofa osoo hin tane Aanaa Sooffiin alattillee ni mul’ata. Afwalaloowwan Oromoo faffaca’anii waan argamanii fi humna guddaa kan qaban ta’uyyuu hangi tokko ammoo dheerina yeroo keessa dhaloota ammaa biratti kan hin beekamnedha. Afwalaloon kun ergaawwan garaagaraa of keessatti hammachuun, gaheewwan kanneen akka hawaasummaa, siyaasaa fi diinagdee cimsuu qabu. Argannoon qorannoo kana faca’ee jiraachuu, dagatamuu, xiyyeeffannoon kennamuu dhabuu, barreeffamaan kan hin jirre ta’uu fi ilaalchi kennamaafi jirus gadaanaa ta’uudha. Rakkoo kanaaf yaanni furmaataa; qindeessuu, dhaloota barsiisuu, xiyyeeffannoo akka argatu gochuu fi sirna barnootaa keessa galchuun akka baratamu taasisuudha. Dimshaashumatti, Afwalaloowwan adda addaa Oromoon barnoota tokkoon malee sammuu isaatti iccitiin haguugee asiin gahe kanaaf xiyyeeffannoon kennamuu qaba. en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya University en_US
dc.title QAACCESSA AFWALALOOWWAN OROMOO KUNUUNSA NAANNOO JAJJABEESSAN: BULCHINSAA MOOTUMMAA NAANNOO UUMMATAA HARARII AANAA SOOFII IRRATTI XIYYEEFFACHUUN en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account