XIINXALA NYAATA AADAA OROMOO ARSII: SHAAFFEE FI DARAQOOTA AANAA MARTIITTI

Show simple item record

dc.contributor.author FU’AAD KADIIR FAQII
dc.date.accessioned 2023-11-21T12:23:41Z
dc.date.available 2023-11-21T12:23:41Z
dc.date.issued 2016-11
dc.identifier.uri http://ir.haramaya.edu.et//hru/handle/123456789/6913
dc.description 70 en_US
dc.description.abstract Mata dureen qorannoo kanaa, “Xiinxala Nyaata Aadaa Oromoo Arsii : Shaaffee fi Daraqoota Aanaa Martiitti” kan jedhuudha. Mata duree kana akkan filadhuuf kan na kakaase: Yeroo ammaa kanatti wantoonni nyaanni aadaa Shaaffee fi Daraqoonni irraa qopheeffamanifi adeemsi qophii isaanii aadummaa yookiin aslummaa isaanii gadi dhiisuun mi’aa fi sadarkaa nyaanni aadaa kunneen hawaasa biratti qaban gadi bu’aa jiraachuu waan argeefi. Akkasumas, kabajaa fi safuu nyaanni aadaa kunneen qaban dhaloonni ammaa sirritti akka hinbeekne waan hubadheefi. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa, Nyaata aadaa Oromoo Arsii Shaaffee fi Daraqoota akka aanaa Martitti xiinxaluudha.Barruuleen firoommii mata duree kanaan walqabataniifi yaaxiinaaleen qorannoo kana deeggaran sakatta’amaniiru. Saxaxni qorannoo kanaa akkamtaa(qulqulleeffataa)dha. Akkamtaa keessaa immoo sanyaaba (ethnography) dhimma bahameera. Mala iddatteessuu miti carraa keessa akkayyootti fayyadameera. Odeeffannoon madda raga tokkoffaa irraa malleen funaansa ragaalee af-gaaffii fi daawwanaadhaan fayyadamuun funaannamanii jiru. Odeeffannoon malleen funaansa ragaalee kanaan funaannaman mala qaacceessa ragaalee akkamtaatiin xiinxalamanii jiru. Wanti qorannoo kana irraa argame, Shaaffeen nyaata aadaa Oromoo bachoo garbuu fi dhadhaa irraa kan hojjatamu ta’ee, nyaata hawaasni sirnoota gara garaatiif qopheeffatuu fi nyaata sirnoota qopheeffamuu kamiyyuu irratti kabaja jechaafi gochaa kan qabuudha. Akkasumas, Shaaffeen nyaata baay’ee mi’aawaa ta’eefi qopheeffamee osoo hin badiin yookiin osoo hin alaayiin yeroo dheeraa: hanga waggaa tokkoo turuu kan danda’uudha. Daraqoonni immoo nyaata aadaa qamadii fi garbuu irraa adeemsa gara garaa keessa darbee kan qopheeffamu ta’ee, Oromoo Arsii biratti nyaata iddoo guddaa qabuufi nyaata hawaasni sirnoota gara garaatiif qopheeffatuudha. Akkasumas, nyaatonni aadaa lamaanuu safuulee eeggamuu qaban kan qaban ta’uu qorannoo kanaan irra ga’ameera. Yaanni furmaataa qorannichaa, nyaanni aadaa kunneen aadummaa yookiin aslummaa isaanii qabatanii akka qopheeffaman dhimmamtoonni aadaa kanaa irratti hojjachuu qabu. Kabaja nyaanni aadaa kunneen qabaniifi safuuwwaan nyaatonni aadaa kunneen qaban dhaloonni ammaa kun akka beekanii itti fayyadaman mana barnootaa keessatti fi miidiyaalee adda addaatiin barsiifamuu qabu. en_US
dc.description.sponsorship Haramaya Universuty en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya University en_US
dc.title XIINXALA NYAATA AADAA OROMOO ARSII: SHAAFFEE FI DARAQOOTA AANAA MARTIITTI en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account