XIINXALA QABIYYEEFI TAJAAJILA SIRBOOTA GAA’ELAA OROMOO HARARGEE, AANAA BADDANOO: HEELLEE FI HEELLAMAA IRRATTI XIYYEEFFACHUUN

Show simple item record

dc.contributor.author Aliyyii Abraahim Aammad
dc.date.accessioned 2023-11-24T12:16:40Z
dc.date.available 2023-11-24T12:16:40Z
dc.date.issued 2022-08
dc.identifier.uri http://ir.haramaya.edu.et//hru/handle/123456789/7004
dc.description 75p en_US
dc.description.abstract Qorannoon kun xiinxala qabiyyeefi tajaajila sirboota gaa’elaa oromooharargee, Aanaa Baddannoo: Heelleefi Heellamaairratti xiyyeeffachuun gaggeeffame.Kaayyoon ijoo qorannichaaqabiyyeewwansirboota gaa’elaa oromoo harargee, Aanaa Baddannoo: Heelleefi Heellamaa haala aadaa hawaasaa keessatti qaaccessudha.Saxaxni ibsaaqorannoo kana gaggeessuuf filatameera.Sababni isaa ragaleen funaanaman hiikamanii tartiibaan ibsamanii dhiyaataniiru.Qorannoo kana keessatti malli qorannichaa mala akkamtaa yoo ta’u, iddatteessuu mit-carraa keessaa akkayyoon hojiirra oolee jira.Malli funaansa ragaalee af-gaafii, marii garee fi daawwannaanragaan walitti qabaman xiinxalamanii jiru.Ragaaleen malootakanneeniin walitti qabaman mala akkamtaan qaacceffamanii jiru.Adeemsa kana hordofuun hojiin qorannoo kanaan bira gahaman,hawaasni Oromoo Aanaa Baddaannoo jiruufi jireenya hawaasummaa kan ittiin ibsatan sirboota aadaa oromoo kan yeroo gaa’ilaa keessaa sirboonni heelleefi heellamaa isaan ijoodha.Qabiyyeewwan sirba heelleefi heellamaa, kanneen quuqama,waldhabbii,jaalalaafi jibba namootaa, waliin jireenya hawaasaa, abdii fuulduraa, warra cidhaa eeybisuu fi faarsuu, kabaja walii ibsuuf kan oolu of keessaa qaba.Sirbi heellee fi heellamaa aadaa hawaasaa ibsuu keessatti shoora olaanaa qaba.Kuniis shamarraniifi dargaggoonni sirba kanatti dhimma bahuudhaan jaalala,jibba,eenymmaa, mararfannaafi walumaagalatti mudannoo jiruufi jireenya hawaasummaa keessatti isaan qunname hunda sirba kanaan ibsatu.Akkaataan sirboonni Gaa’elaaOromoo Harargee Aanaa Baddannoo Heelleefi Heellama itti sirbaman heera mataa isaanii danda’eefi tartiiba ittiin sirbaman akka qaban argannoo kanaan bira gahamee jira.Sirboonni Gaa’elaa Oromoo Harargee Aanaa Baddannoo Heelleefi HeellamaaAadaa Hawaasaa ibsuu keessatti gahee olaanaa akka qaban qoranoon kun mirkaneesse jira. Haalli itti fayyadama Sirboota kanaa yeroo ammaa baayyee gadi bu’aa fi haala yaaddessaa keessaa kan jiran akka ta’an hubatamee jira. Gadi bu’aa adeemuu kanaaf sababa kan ta’an babal’achuu amantaafi fayyadama meeshaalee ammayyaa kan akka Teeppii akka ta’an hubatamee jira. Kanaafuu, qabiyyeewwan Sirboota Gaa’elaa Oromoo Harargee Aanaa Baddannoo Heelleefi Heellamaahedduu waan ta’aniif Biiroon Barnoota Oromiyaa sila basii barnootaa keessa galchanii akka baratamu osoo godhanii mishaadha. en_US
dc.description.sponsorship Haramaya Univetrsity en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya University en_US
dc.title XIINXALA QABIYYEEFI TAJAAJILA SIRBOOTA GAA’ELAA OROMOO HARARGEE, AANAA BADDANOO: HEELLEE FI HEELLAMAA IRRATTI XIYYEEFFACHUUN en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account