Abstract:
Qorannoon kun hariiroo namaafi uumama biroo ogafaan seeneffamaa Oromoo Ituu keessati ija qeeqa uumamaatiin jedhurratti kan gaggeeffamedha. Sababoonni ka’umsa qorannoo kanaas, ogafaan seeneffamaa hariiroo namaafi uumama biroo agarsiisan kunneen, dhiibbaalee amantiifi ammayyummaan walqabatee dhiibamuufi laafuu irraa kan ka’e akka hin banneef qorannoon kun walitti qabee qaaccessee olkaa’uufi. Akkasumas, seeneffamoonni Oromoo Ituu hariiroo namaafi uumama biroo gidduu jiru cimsuun gahee inni naannoo eeguufi kunuunsu keessatti qabu hangam akka ta’e xiinxalamee akka hubatamuufidha. Saxaxni qorannoo kana keessatti hojiirra ooles mala akkamtaa keessaa saxaxa sanyaabsaati. Maddi ragaa qorannoo kanaa madda ragaa tokkoffaa fi madda ragaa lammaffaati. Tooftaa iddatteessuu dhimmataafi darbaan dabarsaatti dhimma bahuun iddattoo qorannoo kanaa filatame yemmuu ta’u meeshaaleen funaansa ragaalee afgaaffii, mariigaree xiyyeeffannoofi sakatta’a harshammeetidha. Malli ragaaleen ittiin xiinxalaman mala addeessuu fi ibsuutidha. Argannoon qorannoo kanaas ogafaan seeneffamaa Oromoo Ituu uumama naannoo kunuunsuuf, hariiroo waliin jireenya uumamaa cimsuuf faayidaa olaanaa akka qabu bira gahameera. Ogafaan seeneffamaa Oromoo Ituu falaasamaafi beekumsa mataasaa akkatti Oromoon uumama naannoo hubatuufi ilaaluun kabaju akka of keessaa qabu qorannoo kanaan hubatameera. Akkasumas, yeroo har’aa sababoota akka babal’ina ammayyummaafi tekiniloojiif, dhiibbaa amantii fi barnoota ammayyaa waliin wal qabateen haalli itti fayyadama seeneffamaa gadi bu’aa akka ta’e xiinxala qorannoo kanaan bira gahameera. Yaadni furmaataa akeekames ogafaan seeneffamaa Oromoo Ituu uumama naannoo kunuunsuu keessatti shoora addaa waan qabuuf waajjirri mootummaa kunuunsa qabeenya uumamaa, akkasumas, waajjirri adaafi turizimiifi qorattoonni ogumaa biroo osoo xiyyeeffatanii bal’inaan irratti hojjetanii gaariidha.