Abstract:
Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa gaheewwaan geerarsa gootummaa Oromoo Maccaa,
xiinsammuu hawaasaa gabbisuu keessatti qabu xiinxaluun dhalootaaf, dabarsuu dha.
Qorannoon kun mala qorannoo akkamtaan kan fayyadame ta’ee,qorannichi gosa qorann
oo Sanyaabsaa kan ta’edha.Akkaataa itti fayyadama geeraarsa gootummaa hawwaasich
itti dhimma bahurratti hundaa’uun gosa gosan geerarsa ajjeesaa,kan duulaa fi misooma
qonnaatti qoqqooduun ibsatti fayyadamuun xiinxalameera.Malli iddatteessuu qorannicha
mala iddootteessuu miti carraa ta’ee, malleen kana keessaa mala iddatteessuu akkayyoo
yoo ta’u meeshaaleen funaansa ragaalee dhimma itti bahes afgaaffii, marii garee fi
daawwannaa dha. Ragaalee kanas yeroo xaafiin haamamuu fi boqqolloon cabu geerarsi
gootummaa, misooma keessatti faayidaa akkamii akka qabu, sagalee waraabduufaa,
gargaaramuun walaloo fi yeeddalloowwan geerarsa gootumma waraabamanii ergaa
isaaniin qaacceffamaniiru. Ragaaleen bifa kanaan guuraman gara barreeeffamattii
jijjiiramuun garee isaanitti qoqqoodamuun, ibsamaniiru.Ragawwaan qorannichaa kan
gahewwaan geerarsi gootummaa xiinsammuu hawaasaa gabbisuu keessatti qabu,Jiruu f
jireenya hawaasaa keessatti, geerarsi gootummaa qorqalbiirratti gaheewwaan akka
tokkoomsuu,gootomsuu,seexaa qabsiisuufi abshaalumma yokiin miliqsuuf oolu Geerarsa
gootummaa yeroo ammaa caalmaatti sababoota akka: amantaa ormaa itti fe’amanii,
siyaasaa fi haalli yeroo aadaa geerarsaa akka dagatan isaan taasisuun hubatameera.
Geerarsi gootummaa, misooma qonnaa saffisiisuu keessatti, xiinsammuu hawaasaa
kakaasuun miira waldorgommii,walitti dhufeenya fi seexaa qabsiisuun hojii arifachuu
danda’uunsaa adda baafamee hubatameera