Gaheewwan Gerarsa GootummaaOromoo Maccaa Xiinsammuu Hawaasaa Gabbisuu Keesatti:Aanaa Guduruu Irratti Xiyyeeffachuun

Show simple item record

dc.contributor.author Tolaasaa Gaddafaadhugaasaa
dc.date.accessioned 2024-01-02T07:15:36Z
dc.date.available 2024-01-02T07:15:36Z
dc.date.issued 2015-08
dc.identifier.uri http://ir.haramaya.edu.et//hru/handle/123456789/7210
dc.description 72 en_US
dc.description.abstract Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa gaheewwaan geerarsa gootummaa Oromoo Maccaa, xiinsammuu hawaasaa gabbisuu keessatti qabu xiinxaluun dhalootaaf, dabarsuu dha. Qorannoon kun mala qorannoo akkamtaan kan fayyadame ta’ee,qorannichi gosa qorann oo Sanyaabsaa kan ta’edha.Akkaataa itti fayyadama geeraarsa gootummaa hawwaasich itti dhimma bahurratti hundaa’uun gosa gosan geerarsa ajjeesaa,kan duulaa fi misooma qonnaatti qoqqooduun ibsatti fayyadamuun xiinxalameera.Malli iddatteessuu qorannicha mala iddootteessuu miti carraa ta’ee, malleen kana keessaa mala iddatteessuu akkayyoo yoo ta’u meeshaaleen funaansa ragaalee dhimma itti bahes afgaaffii, marii garee fi daawwannaa dha. Ragaalee kanas yeroo xaafiin haamamuu fi boqqolloon cabu geerarsi gootummaa, misooma keessatti faayidaa akkamii akka qabu, sagalee waraabduufaa, gargaaramuun walaloo fi yeeddalloowwan geerarsa gootumma waraabamanii ergaa isaaniin qaacceffamaniiru. Ragaaleen bifa kanaan guuraman gara barreeeffamattii jijjiiramuun garee isaanitti qoqqoodamuun, ibsamaniiru.Ragawwaan qorannichaa kan gahewwaan geerarsi gootummaa xiinsammuu hawaasaa gabbisuu keessatti qabu,Jiruu f jireenya hawaasaa keessatti, geerarsi gootummaa qorqalbiirratti gaheewwaan akka tokkoomsuu,gootomsuu,seexaa qabsiisuufi abshaalumma yokiin miliqsuuf oolu Geerarsa gootummaa yeroo ammaa caalmaatti sababoota akka: amantaa ormaa itti fe’amanii, siyaasaa fi haalli yeroo aadaa geerarsaa akka dagatan isaan taasisuun hubatameera. Geerarsi gootummaa, misooma qonnaa saffisiisuu keessatti, xiinsammuu hawaasaa kakaasuun miira waldorgommii,walitti dhufeenya fi seexaa qabsiisuun hojii arifachuu danda’uunsaa adda baafamee hubatameera en_US
dc.description.sponsorship Yuunivarssiitii Haaramaayaa, Haraamaayaa en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya University en_US
dc.title Gaheewwan Gerarsa GootummaaOromoo Maccaa Xiinsammuu Hawaasaa Gabbisuu Keesatti:Aanaa Guduruu Irratti Xiyyeeffachuun en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account