Abstract:
Kaayyoon qorannoo kanaa, Faaruu Ateetee Oromoo Tuulamaa Aanaa Kuyyuu: Ija Hawaas-aadaatin qaaccessuu irratti xiyyeeffate. Faaruun duudhaa hawaasichaa ta’e kun dagatamaa dhufee jira. Fakkeenyaaf, yeroo ammaa dubartoonni Ateetee bulfachuufi faaruu Ateetees namoonni beekan lakkoofsaan muraasa kan ta’aniifi dhiibbaaleen gama babal’achuu duudhaalee amantii ambaafi ammayyummaa yeroo fa’an, faaruun Ateetee akka dagatamaa deemaniif sababa guddaa ta’aniiru.Galma gahinsa qorannoo kanaaf, mala akkamtaatti kan dhimma bahame. Akka iddattootti dubartoonni kudha sadii (13)fi maanguddoota torba (7) hawaasa gandoota adda addaa keessaa kan hirmaatan yoo ta’u, mala iddatteessuu miti carraa keessaa akkayyoofi darbaa dabarsaatti dhimma bahameera. Malleen funaansa ragaalee keessaa:afgaaffii, marii garee xiyyeeffate,daawwannaafi sakatta’a galmeetti fayyadamuun ragaaleen funaannamaniiru. Ragaaleen malleen ibsamaniin funaannaman yaadiddama faayideessummaati dhimma bahuun qaaccefame.Tartiiba raawwannaleefi faaruuwwan Ateetee funaanaman qabiyyeewwan adda addaarratti hundaa’un qoqqoodamanii qaaccefamaniiru. Argannoowwan raawwannalee bulfannaa Ateetee kanneen akka: raawwii bulfaannaa duraa, yeroo bulfannaafi bulfannaan boodaa yoo ta’u, akkaataa hawaasni dhimma itti bahuun faaruun Ateetee qabiyyeewwan akka:nageenya hawwuu, eebbaafi hormaata, abdiifi galatoo, nageenyaafi kadhaa, mirgaa dubartootaa kabachiisuufi mararfannaa fa’aan ibsameera. Faayidaaleen faaruu Ateetee hawaasa biratti qabu: bu’aalee loonii ibsuuf, diinagdee loon irraa argamu ibsuuf, deessuu jajuuf, maseenaaf hormaata hawwuuf, kabaja abbaa warraafi rooba kadhachuuf akka ta’e hubatameera. Faaruun Ateetee sonoota amantiifi duudhaa hawaasaa: amantiifi amanamumma, hormaataafi nagaa, eenyummaafi kabaja, nageenyaafi naamusaa kan ofkeessaa qabufi wantoonni faaruun Ateetee akka laaffachaa deemu taasisan ammayyummaa yeroo, walmakuu hawaasaafi haalota siyaasaa ta’uu ifoomera. Haaluma kanaan, yaboon faaruu Ateetee dagatamaa jiru kana tursiisuuf, maanguddooniifi dubartoonni hubannoo gahaa uumuudhaan deebisanii dagaagsuun barbaachisaadha. Akkasumas, Waajjirri Aadaaf Tuurizimiifi Miidiyaan Oromoo faaruu Ateetee godambaa kaa’uu, gurra hawaasaa qaqqabsuudha.