QAACCESSA WALALOOWWAN DANDEETTIIWWAN AFAANII BARSIISUU KEESSATTI: KITAABA BARATAA BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA 9FFAA FI 10FFAA

Show simple item record

dc.contributor.author Yoonaas Mulaatuu
dc.contributor.author (Gargaara Pirof) Muhammad Abdoo
dc.contributor.author (PhD) Imaanaa Bayyanaa
dc.date.accessioned 2024-05-22T07:14:19Z
dc.date.available 2024-05-22T07:14:19Z
dc.date.issued 2022-05
dc.identifier.uri http://ir.haramaya.edu.et//hru/handle/123456789/7778
dc.description 84p. en_US
dc.description.abstract Mata dureen qorannoo kanaa, “Qaaccessa Walaloowwan dandeettiwwan afaanii barsiisuu keessatti xiinxaluu yommuu ta’u, qorannichi kitaaba barataa barnoota Afaan Oromoo kutaalee saglaffaa fi kurnaffaa jiran irratti fuulleffate. Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa, walaloowwan kitaaba barataa barnoota Afaan Oromoo kutaa Saglaffaa fi kurnnaffaa keessaa jiran dandeettii afaanii gurguddoo afran barsiisuu keessatti gahee isaan qaban qacceessuudha. Qorannoo kana gaggeessuuf mala qorannoo akkamtaa fayyadame. Sababni malli kun filatameef, hojiin qaaccessa qorannoo kanaa lakkoofsaan osoo hin ta’in jechootaan waan ibsameef, Mala kana bu’uura taasifachuun tooftaa odeeffannoo funaanuu mata duree qorannoo waliin walsimu qaaccessa qabiyyee kitaabaalee filamanii sakatta’uun, ragaaleen qorannichaa funaanamaniiru. Ragaaleen sassabamanis akkataa walitti dhiyeenya isaaniitiin qoqqooduudhaan qaacceffamanii. Bifuma walfakkaatuun haala dhiyaannaa fi gaheen walaaloo dandeettiiwwan afaanii ijoo arfan barsiisuu keessatti qaban kitaabilee kutaalee eeramanii hunda keessatti dhiyaatan xiinxallamanii. Dhuma irratti argannoon qorannichaas: walaloowwan kitaabni barnoota afaan Oromoo kutaa saglaffaa fi kurnaffaa dandeettiwwan afaanii barsiisuf gargaarame baay’innii isaanii ja’a yoo ta’an. Isaanis, walaloo Yeroo yeroon qabi, walaloo geerarsaa, walaloo faaruu jaalalaa, walaloo sirba gaa’ilaa, walaloo faaruu loonii fi hurursa daa’immaniiti. Walaloowwan dhiyaatan keessaa gara caalatti kitaabileen kun dandeettiiwwan afaanii afran barsiisuf kan fayyadaman kutaa saglaffaa keessatti yommuu ta’u kutaa kurnaffaa keessatti kan dhiyatan sadii. Kitaabilee lamaanuu keessatti walaloowwan dhiyaatan dandeettiiwwan afaanii arfanuu xiyyeeffannoo kan kennaniidha. Sadarkaafi dandeettii barattootaa xiyyeeffannoo keessa galchuun dhiyaachuu irratti hanqina kan qaban ta’uu isaa argannoon qorannoo kanaa ni mul’isa. Kana malees, Kitaabni barnoota afaanii haala dhiyaannaa waliigalteetiin akkaataa qophii afaan tokkoffaa hordofuun osoo qophaa’ee kan jedhuufi yeroo kitaabni barnoota afaanii qophaa’u ogeeyyii afaaniifi ogeeyyiin ogwalaloo irratti hirmaachisuun osoo qophaa’ee kannneen jedhan yaada furmaata jalatti eeraman. en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya University en_US
dc.title QAACCESSA WALALOOWWAN DANDEETTIIWWAN AFAANII BARSIISUU KEESSATTI: KITAABA BARATAA BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA 9FFAA FI 10FFAA en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account