Abstract:
Qorannoon kunAfwalaloo Shoobdoo Galumsa Aadaa hojii Oromoo Ituu Aanaa Gammachiis
irratti kanxiyyeeffate.Kaayyoon gooroon qorannoo kanaa Afwalaloo shoobdoo galumsa
aadaa hojii (dalagaa) Oromoo Ituu Aanaa Gammachiis keessatti xiinxaluudha.Saxaxni
qorannoo kanaa qorannoo ibsaa yoo ta’u xiinmalli qorannoo ammoo akkamtaadha.Iddattoon
miti-carraa akkayyoon dhimma itti bahame yoo ta’u, ragaaleen qorannichaa madda ragaalee
tokkoffaa irraa funaanaman. Meeshaaleen funaansa ragaalee kanneen akka: afgaaffii,
daawwannaafimariin garee xiyyeeffannoo qorannoo kana keessatti dhimma bahamaniiru.
Ragaaleen qorannoo kanaa irra caalatti afgaaffii fayyadamuun hawaasa barreessuufi dubbisuu
hindandeenye irraa funaaname. Ragaaleen daawwannaa iddoo dalagaan shoobdoo itti
raawwatame kan argame yoo ta’u, mariin garee xiyyeeffannooimmoo ogeeyyiiWaajjiraa
Aadaafi Turiizimii koominikeeshinii Aanaa Gammachiisifimanguddootairraa kan
argameedha.Ragaaleen funaanamanis qabiyyeewwan ijoofi ergaaleeafwalaloo shoobdoo
akkasumas, dalagaalee shoobdooti.Qabiyyeewwan shoobdoo aabbaafi haadha guuzaa
faarsuu, wal onnachiisuu, hojiirratti walqeequu, seenaa ibsuu, haasummaa ibsuuf, waa’ee
qeerroo fa’aa yoo ta’an, ergaaleen shoobdoo ammoo, amantii, siyaasaa, gootummaafi
diinagdee fa’i.Raawwiin shoobdoo seeraafi tartiiba mataa isaa qaba.Argannoon qorannoo
kanaas, ammayyummaa malee beekkumsa aadaa afwalaloon walqabatuuf xiyyeeffannoon
kennamu xiqqaa ta’uudha.Kana malees, barreeffamaan kanhinjirre ta’uufiitti fayyadamni
shoobdoo akka durii irraa kan xiqqaate ta’uudha. Dhumarratti, qorannoon kun shoobdoon
dhaloota ammaatiin xiyyeeffannaa argatee itti fayyadamni isaa akka itti fufuuf qaamonni
dhimmi ilaallatu irratti hirmaachuun dhaloota barsiisuufi barreeffamaan ol kaa’uun gaarii
akka ta’eefi qorannoo bal’aa gaggeessuun barbaachisaa ta’uusaa, akka yabootti lafa kaa’eera.