dc.description.abstract |
Qorannoon kun Afoola Asoosamoota Kudhaama Jaalalaa fi Imaanaa Imaltuu keessatti argaman
xiinxaluu irratti kan xiyyeeffateedha. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa afoolota asoosamoota kanneen keessatti argaman xiinxaluun ibsuudha. Kaayyoon gooree qorannichaa fayyadamni
afoolotaa maal akka fakkaatuu, gosoota fi qabiyyeen afoolota asoosamoota kanneen keessatti
argaman ibsuu, faayidaa afoolonni asoosamoota kanneen keessatti qaban eeruu fi walfakkeenyi
asoosamoonni kunniin fayyadama afoolotaa irratti qaban adda baasuu jedhu qabachuun kan
gaggeeffameedha. Qorannoon kun qorannoo bu’uuraa yoo ta’u, mala qorannoo akkamtaa
fayyadamuun ibsi kan irratti kennameedha.Maddi ragaa qorannoo kanaa madda ragaa tokkoffaa
yoo ta’u, mala iddatteessuu miti carraa keessaa akkayyootti dhimma bahameera. Ragaaleen mala
sakatta’insa harhammeetiin funaanaman afoolota gosoota isaaniitiin adda baasuun qabiyyee fi
faayidaa afoolonni asoosamoota kanneen keessatti qabanii fi walfakkeenyi isaan itti fayyadama
afoolotaa irratti qaban adda baasuun mala akkamtaatiin ibsi itti kennamaa bal’inaan
xiinxalamaniiru. Asoosamoota kanneen keessatti gosoonni afoolaa argaman mammaaksotaa fi
jechamoota yoo ta’an, qabiyyee fi faayidaan afoolota kanneenii asoosamoota kanneen keessatti
gorsuu fi sirreessuu, waldhabii jiru agarsiisuu, dhiibbaa namarra gahe agarsiisuu, miira
dubbistootaa si’eessuu, miidhagina asoosamootaa fi kan kana fakkaatan yoo ta’u, afoolonni
asoosamoota kanneen keessatti argaman mammaaksotaa fi jechamoota qofa akka ta’an kan
jedhuu fi kanneen biroo argannoo qorannoo kanaan kaa’amanii jiru. Barreessitoonni asoosama
yammuu barreessan afoolota bal’inaan fayyadamanii barreessuun afoolonni hawaasaa akka hin
dagatamnee fi akka hin banne taasisa kan jedhu yaada furmaataatiinn kaa’amanii jiru |
en_US |