| dc.description.abstract |
Kaayyoon qorannoo kanaa hanqinootaafi danqaalee hojiirra oolmaa barnoota Afaan
Oromoo, barnoota sadarkaa tokkoffaan duraa godina Arsii aanaa Muunessaa keessatti
mul’atan adda baasuun ibsuudha. Qorannoo kana gaggeessuuf saxaxni qorannoo hojiirra
oole saxaxa qorannoo addeessaati. Malli xiinxala ragaalee hojiirra oole immoo mala
akkamtaati. Maddeen ragaa qorannoo kanaa itti gaafatamaafi itti aanaa waajjira barnootaa
mala iddatteessuu hammargeen, ogeeyyii waajjira barnootaa, hooggantoota manneen
barnootaa mala iddatteessuu hammargeen barsiisota barnoota sadarkaa tokkoffaan duraa
barsiisan mala iddatteessuu akkayyootiin fudhatamaniiru. Meeshaaleen funaansa ragaalee
afgaaffii, hubdaawwannaa fi mariin garee hojiirra ooleera. Meeshaalee barnootaa fi
deeggarsa barnootaa guutamuu dhabuu, hanqinni barsiisotaa jiraachuu, leenjii barsiisotaaf
kennamuu dhabuu, malli baruu barsiisuu kan daa’imman giddu galeessa hin godhanne ta’uu,
malli madaalliifi iyyaafannoo walitti fufaa laafaa ta’uu, lakkoofsi daa’immanii kutaa
barnootaa keessatti baayyachuurraa gahumsa daa’immanii gama dandeettiiwwan afaaniin
qaban irratti barsiisonni adda baasuu dadhabuu, sirni barnoota Afaan Oromoo addatti
umriin qoodamee daa’immaniif qophaa’uu dhabuun adda baheera. Hanqinoonniifi
danqaaleen kunneen dandeettiiwwan afaanii keessaa dubbisuufi barreessuu daa’immaniirratti
gahumsi isaan horatan gadaanaa ta’uufi gulantaa barnoota itti aanuttis milkaa’inni isaanii laafaa akka ta’e hubatameera. Meeshaaleen barnootaafi deeggarsa barnootaa daa’immaniifi
barsiisotaa dhihaachuu qaba. Malli baruu barsiisuu, malli madaalliifi iyyaafannoo walitti
fufaa daree keessaa kan umrii daa’immanii waliin walgitiinsa qabu akka qophaa’u, hayyoonni
sirna barnootaa sadarkaa biyyaatti bocan, hooggantoonni, ogeeyyiin sadarkaan jiran
gulantaa barnoota kana keessatti Afaan Oromoo bu’uura ta’uu beekanii barsiisota leejii
gahaa qaban ramaduu akka qaban eerameera Barsiisonni gulantaa barnootaa sadarkaa
tokkoffaan duraa keessatti gosa barnoota Afaan Oromoo bifa milkaa’ina qabuun daa’imman
barsiisuun bu’uurawaan ta’eef daa’imman umriifi seenduubee adda addaa irraa dhufaniif
barnoota walgitiinsa mirkaneessu daretti dhiheessanii dandeettiiwwan afaanii akka fooyya’u
irratti hojjachuu akka qaban eerameera. |
en_US |