Abstract:
Kaayyoon qorannoo kanaa inni ijoon gilgaalota dubbisuu kitaaba barataa Afaan Oromoo kutaa 7ffaa sakatta’uudha. Qorannichi saxaxa makaatti dhimma bahuun gaggeeffame. Qorannoo kana keessatti akka madda raga jalqabaatti barssisonni mana barumsaa Leemmuu Sad. 1ffaa, akka madda ragaa lammataatti ammoo kitaabni barataa barnoota Afaan Oromoo kutaa 7ffaa hojiirra oolaniiru. Meeshaaleenn funaansa ragaa ragaa barbaachisu walitti qabachuuf hojiirra oolanis sakatta’a harshammeetifi af-gaaffii barsiisotaati. Wanti qaaccessa ragaalee irraa hubatames, tamsa’inni tarsiimolee dubbisuufi haalli dhiyaannaa gulantaalee dubbisuu kitaaba barataa barnoota Afaan Oromoo kutaa 7ffaa kan wal hin madaalle ta’uu,gilgaalonni dandeettii dubbisuu muraasni qajeelfama dhabuu fi qajeelfama ifa hin taane qabaachuufi akaakuu gaaffilee muraasaaf (gaaffilee marii, shaakalaa, bakka duwwaafi tilmaamuu) xiyyeeffannoon kennamuu dhabuu fa’a. Dhumarrattis argannoo qorannichaa bu’ureeffachuun hanqinoota mul’atan hir’suuf yaanni furmaataa kan kenname yoo ta’u, kunis, barsiisonni yeroo barsiisanis ta’ee yeroo karoora barnootaa qopheessan, tarsiimoo saffisaan dubbisuu fi sakattaan dubbisuu xiyyeeffannoo keessa galchuun sadarkaa isaanii ol kaasuufi gilgaalota dandeettii dubbisuu xiyyeeffannoo keessa galchuun garaa garummaa mul’atu kamuu hir’isuun kan danda’amu ta’uu, barsiisonni gilgaalota dandeettii dubbisuu qajeelfama hin qabnee fi qajeelfamni isaanii ifa hin taane irratti hubannoo kennuufi mata-duree walfakkatu irratti qorannoo gageessuun qaamni dhimmi ilaallatu hubachiisuun gaarii ta’uu, qaamoleen gilgaalota dandeettii dubbisuu qopheessan akaakuu gaaffilee tokko qofarratti xiyyeeffachuu irra bifa walmadaaluun dhiyeessuun, gilgaalota dubbisuu kitaabichaa giddu-galeessa godhachuun kitaaba barnoota afaanii irra deebiin fooyyessuunifi yeroo kitaaba Afaan Oromoo qopheessan gilgaalota danddeettii dubbisuu xiyyeeffannoo keessa galchuun gaarii ta’uufa’a