SAKATTA’A GILGAALOTA DUBBISUU: KITAABA BARATAA BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA 7FFAA

Show simple item record

dc.contributor.author Nugusee Badhaadhaa, Milkeessaa
dc.contributor.author Baldaa, (prof) Fiqaaduu
dc.date.accessioned 2021-08-09T06:05:54Z
dc.date.available 2021-08-09T06:05:54Z
dc.date.issued 2020-10
dc.identifier.uri http://localhost:8080/xmlui/handle/123456789/4170
dc.description 67p. en_US
dc.description.abstract Kaayyoon qorannoo kanaa inni ijoon gilgaalota dubbisuu kitaaba barataa Afaan Oromoo kutaa 7ffaa sakatta’uudha. Qorannichi saxaxa makaatti dhimma bahuun gaggeeffame. Qorannoo kana keessatti akka madda raga jalqabaatti barssisonni mana barumsaa Leemmuu Sad. 1ffaa, akka madda ragaa lammataatti ammoo kitaabni barataa barnoota Afaan Oromoo kutaa 7ffaa hojiirra oolaniiru. Meeshaaleenn funaansa ragaa ragaa barbaachisu walitti qabachuuf hojiirra oolanis sakatta’a harshammeetifi af-gaaffii barsiisotaati. Wanti qaaccessa ragaalee irraa hubatames, tamsa’inni tarsiimolee dubbisuufi haalli dhiyaannaa gulantaalee dubbisuu kitaaba barataa barnoota Afaan Oromoo kutaa 7ffaa kan wal hin madaalle ta’uu,gilgaalonni dandeettii dubbisuu muraasni qajeelfama dhabuu fi qajeelfama ifa hin taane qabaachuufi akaakuu gaaffilee muraasaaf (gaaffilee marii, shaakalaa, bakka duwwaafi tilmaamuu) xiyyeeffannoon kennamuu dhabuu fa’a. Dhumarrattis argannoo qorannichaa bu’ureeffachuun hanqinoota mul’atan hir’suuf yaanni furmaataa kan kenname yoo ta’u, kunis, barsiisonni yeroo barsiisanis ta’ee yeroo karoora barnootaa qopheessan, tarsiimoo saffisaan dubbisuu fi sakattaan dubbisuu xiyyeeffannoo keessa galchuun sadarkaa isaanii ol kaasuufi gilgaalota dandeettii dubbisuu xiyyeeffannoo keessa galchuun garaa garummaa mul’atu kamuu hir’isuun kan danda’amu ta’uu, barsiisonni gilgaalota dandeettii dubbisuu qajeelfama hin qabnee fi qajeelfamni isaanii ifa hin taane irratti hubannoo kennuufi mata-duree walfakkatu irratti qorannoo gageessuun qaamni dhimmi ilaallatu hubachiisuun gaarii ta’uu, qaamoleen gilgaalota dandeettii dubbisuu qopheessan akaakuu gaaffilee tokko qofarratti xiyyeeffachuu irra bifa walmadaaluun dhiyeessuun, gilgaalota dubbisuu kitaabichaa giddu-galeessa godhachuun kitaaba barnoota afaanii irra deebiin fooyyessuunifi yeroo kitaaba Afaan Oromoo qopheessan gilgaalota danddeettii dubbisuu xiyyeeffannoo keessa galchuun gaarii ta’uufa’a en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya university en_US
dc.title SAKATTA’A GILGAALOTA DUBBISUU: KITAABA BARATAA BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA 7FFAA en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account