Abstract:
Qorannoon kun mata-duree qaaccessa qabiyyeefi ergaa walaloowwan kitaaba miila kaayyoo irratti xiyyeeffachuun kan gaggeeffamedha. Kaayyoon gooroo qorannichaa qabiyyeewwaniifi ergaa walaloowwan Kitaaba miila kaayyoo jedhu haala hojii aartichaa keessatti qabu xiinxala gadifageenyaa kennuudha. Bu‟aan qorannoo kanaa ogbarruu Oromoo gara fuul-duraatti akka tarkaanfatu barsiisota manneen barnootaa, hojjettoota waajjiraalee aadaafi tuurizimii aanaaleefi hojjettoota biiroolee barnootaaf odeeffannoo kennuudha. Barattoonni manneen barnootaa keessatti dandeettii waa uumuu isaanii gara sadarkaa ol‟aanaatti ceesisuuf ni gargaara. Akkasumas, qorattoota mata-duree kana fakkaatu irratti qorannoo gaggeesuu barbaadaniif akka ka‟umsaatti tajaajiluu danda‟a. Qorannoo kun barruuleefi kitaabilee ogumaa barruu firoominaaf tajaajilan adda addaafi yaadiddamoota garagaraatti dhimma bahuu danda‟eera. Qorannichi malleen qorannoo keessaa mala qorannoo akkamtaatti dhimma ba‟eera. Gosa iddatteessuu mit-carraa keessaa kaayyeffataatti dhimma baheera. Tooftaaleen ragaaleen ittiin walitti qabaman arshammee yookaan sakatta‟a dokumantiti. Ragaaleen walitti qabaman akkaataa gaaffilee bu‟uura qorannoo deebisuu danda‟uuniifi kaayyoolee gooree milkeessuu danda‟uunqabiyyee isaaniin qoqqoodamanii jechoota, gaalewwaniifi himoota walitti fiduun keeyyata keeyyataan ibsamaniiru. Qabiyyeewwan walaloowwan kunneen akka: siyaasaa, seenaa, dinagdee, sonoota hawaasaa fi kan kana fakkaatan yoo ta‟u, haala qabatamaa jiruufi jireenya hawaasaa bu‟uura godhatee kan dhiyaate ta‟uusaat