Abstract:
Qorannoon kun mataa duree Mammaaksota Abshaalummaa Agarsisan Qaacceessuu ta‟ee  Godina Arsii Aana Martii irratti kan xiyyeeffateedha. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa  mammaaksota abshaalummaa agarsiisan manguddoota iddattoo ta‟an irraafi kitaabilee  mammaaksotaa irraa walitti qindeessuun ergaa isaanii qaaccessuun ibsuudha. Saxaxni  qorannoo kunis kan irratti xiyyeeffate mala akkamtaa ta‟ee mala ibsaatin mammaaksota  abshaalummaa agarsiisan qaacceeffamee jira. Oduukennitoonni qorannoo kana keessatti  hirmaatan yookaan adeemsi itti filataman iddattoo miti-carraa ta‟ee mala akkayyootti.  Qorannoo kana keessatti maddi ragaalee tokkoffaa dhimma itti bahamanii jiru. Meeeshaaleen  funaansa ragaalee kanneen akka afgaaffii, marii gareefi sakatta‟a harshammee itti  fayyameera. Qaaccessa ragalee irraa qorannoo kana keessatti akka wali galatti bu‟aa  argame: Gamni tokko haala naannoo irratti hundaa‟un dandeetti waan tokko dafee hubachuu  kan qabu. Gamna sobuun faayidaa isaa irraa miidhaan isaa kan caalu ta‟uu. Gamni waan  miidhaa qabu tokko dursee dandeettti tilmaamuuf kan qabuufi waan faayidaa qabu tokko  dursee tilmaamuun irraa fayadamuu kan danda‟u. Gamni nama rakkateef kan birmatu;  rakkoof furmaata kan barbaadu. Akkasumas, namni biraa akka tumsuuf yaamicha kan  godhuudha. Dhuma irratti, mammaaksota abshaalummaa agarsisan irraa qorannoo  gaggeeffameen yaanni akkas osoo ta‟ee yeroo ibsamu: maatii ijoollee isaanii mammaaksota  qabiyyeen isaa adda bahe beekame kana yero yeroodhaan osoo shaakalsiisan. Akkasumas,  sirn barnootaa keessatti yookaan kitaabilee barnootaa keessatti qabiyee isaatiin  qoqqoodamee osoo barsifame gaariidha.