MAMMAAKSOTA ABSHAALUMMAA AGARSIISAN: GODINA ARSII AANAA MARTII IRRATTI KAN XIYYEEFFATE

Show simple item record

dc.contributor.author Kamaaloo, Amaan(MA)
dc.contributor.author Abdoo, Mahaammad (Asst.Pro)
dc.contributor.author Bayyanaa, Imaana(PhD)
dc.date.accessioned 2022-02-15T06:15:27Z
dc.date.available 2022-02-15T06:15:27Z
dc.date.issued 2021-06
dc.identifier.uri http://ir.haramaya.edu.et//hru/handle/123456789/4704
dc.description 70 en_US
dc.description.abstract Qorannoon kun mataa duree Mammaaksota Abshaalummaa Agarsisan Qaacceessuu ta‟ee Godina Arsii Aana Martii irratti kan xiyyeeffateedha. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa mammaaksota abshaalummaa agarsiisan manguddoota iddattoo ta‟an irraafi kitaabilee mammaaksotaa irraa walitti qindeessuun ergaa isaanii qaaccessuun ibsuudha. Saxaxni qorannoo kunis kan irratti xiyyeeffate mala akkamtaa ta‟ee mala ibsaatin mammaaksota abshaalummaa agarsiisan qaacceeffamee jira. Oduukennitoonni qorannoo kana keessatti hirmaatan yookaan adeemsi itti filataman iddattoo miti-carraa ta‟ee mala akkayyootti. Qorannoo kana keessatti maddi ragaalee tokkoffaa dhimma itti bahamanii jiru. Meeeshaaleen funaansa ragaalee kanneen akka afgaaffii, marii gareefi sakatta‟a harshammee itti fayyameera. Qaaccessa ragalee irraa qorannoo kana keessatti akka wali galatti bu‟aa argame: Gamni tokko haala naannoo irratti hundaa‟un dandeetti waan tokko dafee hubachuu kan qabu. Gamna sobuun faayidaa isaa irraa miidhaan isaa kan caalu ta‟uu. Gamni waan miidhaa qabu tokko dursee dandeettti tilmaamuuf kan qabuufi waan faayidaa qabu tokko dursee tilmaamuun irraa fayadamuu kan danda‟u. Gamni nama rakkateef kan birmatu; rakkoof furmaata kan barbaadu. Akkasumas, namni biraa akka tumsuuf yaamicha kan godhuudha. Dhuma irratti, mammaaksota abshaalummaa agarsisan irraa qorannoo gaggeeffameen yaanni akkas osoo ta‟ee yeroo ibsamu: maatii ijoollee isaanii mammaaksota qabiyyeen isaa adda bahe beekame kana yero yeroodhaan osoo shaakalsiisan. Akkasumas, sirn barnootaa keessatti yookaan kitaabilee barnootaa keessatti qabiyee isaatiin qoqqoodamee osoo barsifame gaariidha. en_US
dc.description.sponsorship HARAMAYA UNIVERSITY en_US
dc.language.iso other en_US
dc.title MAMMAAKSOTA ABSHAALUMMAA AGARSIISAN: GODINA ARSII AANAA MARTII IRRATTI KAN XIYYEEFFATE en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account