Abstract:
Qorannoo kun kan hojjatamee Qabiyyeewwanfi Ergaa Weedduu Arrabsoo gaa’eelaa kan 
Oromoo Tuulamaa Godina Arsii, aanaa Muuneessaa keessatti bar 2013/2021ti. Sababin 
isaatis, weedduuu gaa’eelaa safuufi haala jiruu fi jireenya hawaasichaa barsiisu kun yeroo 
ammaa kana dagatamaa jiraachuu isaatu mul’ata. Kaayyoon qorannoo kanaa 
Qabiyyeewwanfi Ergaa Weedduu Arrabsoo gaa’eelaa weeddifaman xiinxaluu irratti kan 
xiyyeeffatedha.Kaayyoo qorannichaa galmaan ga’uuf saxaxni qoranooo akkayyoo fi 
darbaadabarsaa yoo ta’u maddi ragaa qorannoo hawwaan, maanguddootaafi ogeessa 
aadaafi turiizimii isaan waa’ee weedduu kanaa irratti muuxannoo, beekumsaafi hubannoo 
qabaniidha.Hirmaattonni kuneenis mala iddatteessuu mit-carra keessaa iddetteessuu 
akkayyootti/darbaa dabarsaa yookiin eertootti gargaaramuun filatamaniiru. Odeefannoo 
kenitootarraa malleen funaansa ragaalee keessaa afgaaffii, daawwannaafi marii garee 
xiyyeeffatetti dhimma bahuun ragaaleen kan finaannaman. Ragaalee funaanamerraa keessaa 
ta’uun arrabsoon gaa’eelaa yeroo intalli geesse heerumtufi ilmi ga’e fuudhu guyyaan cidhaa 
yeroo turban lama yookiin kanaa ol hafu bakka lamaanittuu shamarran dargaggeeyyiin 
firoottaniifi ollaan galgala galgala weedduu sanaan gartuu isaanii jajuun gartuu biro immoo 
ni arrabsu.Kunis mana lamaanittuu jala bultii yookiin waarisiisaa jedhama. Yeroon biroo 
kan arrabsoon sun gaggeeffamu gaafa cidhaa yemmuu ta’u, kan mana warra gurbaafi kan 
mana warra intalaa ergaan isaa garaagara. Haala ragaaleen funaanamerratti hundaa’uun, 
weedduufi weedduun arrabsoon gaa’eelaa kan mana ilmaatti raawwatamufi kan mana 
intalaatti raawatamu, kaayyoofi yoomessa isaaniirratti hundaa’uun akaakuu yookiin gosa 
adda addaa qabu: kan mana warra gurbaa: yeroo gurbaaan fuudhaaf mana bahu, yeroo 
intalli dhuftu, yeroo misiroon mana misiroof qopheessan, yeroo intalli heerumtu sun durba 
taatuudha. Kan mana intalaa immoo, yeroo hamaamonni qe’ee warra intalaa gahan, yeroo 
hamaamonni afeeraman, yeroo intala fudhatanii bahaniifi gaafa intalli mana seenuu 
dhuftuudha. Haala kanaan qabiyyeewwanfi ergaa isaaniitiin qaacceffamanii dhiyaataniiru. 
Argannoowwan gurguddoon qorannoo kanaa akka ibsanitti, weedduun afwalaloofi 
yeedaloon dhiyaatee, falaasama hawaasichaa ni mul’isa; tokkummaa hawaasichaa ni 
cimsa;safuu hawaasichaa ni barsiisa, hojiif nama kakaasuun jijjiirama amalaa ni fida. 
Akasumas; weedduun hanqina ofii fooyyefachuu, jireenya injifachuufi dandamatanii 
jiraataniifi maatii ofii jiraachisaa bakka ofbuusan,walqeequuf, amala gadhee dhuunfaan 
mul’atu to’achuuf qooda guddaa qaba. Akka jecha maqaa’arrabsoon ilaallamuu akka hin 
qabne ta’ee haawaasichaafi garee hawaasichaan hubannoo gadi fageenyaa aadaa 
ta’uusaarratti odoo qabatanii gaariidha. Dhumarrattis Yaboon qorannichaa argannoo 
bu’uuraa irratti hundaa’uun weedduun Arrabsoo gaa’eelaa akka dagaagu Waajjira Aadaafi 
Turiizimii, barsiisonni Afaan Oromoofi gumiin dagaagina ogbarruu Afaan Oromoo waliin 
ta’uun weedduu arrabsoo gaa’eelaa jalbultii/waarisiisaa hanga miinzee deebiitti 
weeddifamu sassaabuun bifa dookimenteriifi barreeffamaan osoo kaa’anii gaarii ta’a.