QABIYYEEWWANIIFI ERGAALEE WEEDDUU ARRABSOO GAA’EELAA KAN OROMOO TUULAMAA GODINA ARSII: AANAA MUUNESSAA

Show simple item record

dc.contributor.author Ijjataa, Makuriyaa(MA)
dc.contributor.author Amaan, Jeyilaan(PhD)
dc.date.accessioned 2022-02-22T05:44:51Z
dc.date.available 2022-02-22T05:44:51Z
dc.date.issued 2021-07
dc.identifier.uri http://ir.haramaya.edu.et//hru/handle/123456789/4782
dc.description 80 en_US
dc.description.abstract Qorannoo kun kan hojjatamee Qabiyyeewwanfi Ergaa Weedduu Arrabsoo gaa’eelaa kan Oromoo Tuulamaa Godina Arsii, aanaa Muuneessaa keessatti bar 2013/2021ti. Sababin isaatis, weedduuu gaa’eelaa safuufi haala jiruu fi jireenya hawaasichaa barsiisu kun yeroo ammaa kana dagatamaa jiraachuu isaatu mul’ata. Kaayyoon qorannoo kanaa Qabiyyeewwanfi Ergaa Weedduu Arrabsoo gaa’eelaa weeddifaman xiinxaluu irratti kan xiyyeeffatedha.Kaayyoo qorannichaa galmaan ga’uuf saxaxni qoranooo akkayyoo fi darbaadabarsaa yoo ta’u maddi ragaa qorannoo hawwaan, maanguddootaafi ogeessa aadaafi turiizimii isaan waa’ee weedduu kanaa irratti muuxannoo, beekumsaafi hubannoo qabaniidha.Hirmaattonni kuneenis mala iddatteessuu mit-carra keessaa iddetteessuu akkayyootti/darbaa dabarsaa yookiin eertootti gargaaramuun filatamaniiru. Odeefannoo kenitootarraa malleen funaansa ragaalee keessaa afgaaffii, daawwannaafi marii garee xiyyeeffatetti dhimma bahuun ragaaleen kan finaannaman. Ragaalee funaanamerraa keessaa ta’uun arrabsoon gaa’eelaa yeroo intalli geesse heerumtufi ilmi ga’e fuudhu guyyaan cidhaa yeroo turban lama yookiin kanaa ol hafu bakka lamaanittuu shamarran dargaggeeyyiin firoottaniifi ollaan galgala galgala weedduu sanaan gartuu isaanii jajuun gartuu biro immoo ni arrabsu.Kunis mana lamaanittuu jala bultii yookiin waarisiisaa jedhama. Yeroon biroo kan arrabsoon sun gaggeeffamu gaafa cidhaa yemmuu ta’u, kan mana warra gurbaafi kan mana warra intalaa ergaan isaa garaagara. Haala ragaaleen funaanamerratti hundaa’uun, weedduufi weedduun arrabsoon gaa’eelaa kan mana ilmaatti raawwatamufi kan mana intalaatti raawatamu, kaayyoofi yoomessa isaaniirratti hundaa’uun akaakuu yookiin gosa adda addaa qabu: kan mana warra gurbaa: yeroo gurbaaan fuudhaaf mana bahu, yeroo intalli dhuftu, yeroo misiroon mana misiroof qopheessan, yeroo intalli heerumtu sun durba taatuudha. Kan mana intalaa immoo, yeroo hamaamonni qe’ee warra intalaa gahan, yeroo hamaamonni afeeraman, yeroo intala fudhatanii bahaniifi gaafa intalli mana seenuu dhuftuudha. Haala kanaan qabiyyeewwanfi ergaa isaaniitiin qaacceffamanii dhiyaataniiru. Argannoowwan gurguddoon qorannoo kanaa akka ibsanitti, weedduun afwalaloofi yeedaloon dhiyaatee, falaasama hawaasichaa ni mul’isa; tokkummaa hawaasichaa ni cimsa;safuu hawaasichaa ni barsiisa, hojiif nama kakaasuun jijjiirama amalaa ni fida. Akasumas; weedduun hanqina ofii fooyyefachuu, jireenya injifachuufi dandamatanii jiraataniifi maatii ofii jiraachisaa bakka ofbuusan,walqeequuf, amala gadhee dhuunfaan mul’atu to’achuuf qooda guddaa qaba. Akka jecha maqaa’arrabsoon ilaallamuu akka hin qabne ta’ee haawaasichaafi garee hawaasichaan hubannoo gadi fageenyaa aadaa ta’uusaarratti odoo qabatanii gaariidha. Dhumarrattis Yaboon qorannichaa argannoo bu’uuraa irratti hundaa’uun weedduun Arrabsoo gaa’eelaa akka dagaagu Waajjira Aadaafi Turiizimii, barsiisonni Afaan Oromoofi gumiin dagaagina ogbarruu Afaan Oromoo waliin ta’uun weedduu arrabsoo gaa’eelaa jalbultii/waarisiisaa hanga miinzee deebiitti weeddifamu sassaabuun bifa dookimenteriifi barreeffamaan osoo kaa’anii gaarii ta’a. en_US
dc.description.sponsorship HARAMAYA UNIVERSITY en_US
dc.language.iso other en_US
dc.title QABIYYEEWWANIIFI ERGAALEE WEEDDUU ARRABSOO GAA’EELAA KAN OROMOO TUULAMAA GODINA ARSII: AANAA MUUNESSAA en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account