Abstract:
Kaayyoon qorannoo kanaa adeemsa baruu barsiisuu keessatti Sakatta’udhafi Xiinxaludhaan
hojiirra oolmaa mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhate Sakatta’udha. Haaluma kanaan Mana Barumsaa Baatee Sadarkaa Lammaf aatti, gosa barnoota Afaan
Oromootiin mala baruu barsiisuu barataa gidduu galeessa godhateen barsiisuun hammam
hojiirra akka oolu sakatta’ameera. Qorannoo saxaxa gosa qorannoo kana yoo ta’u
iddatteessuu carraa keessaa carraa sirnaawaa barattootaaf iddatteessuuf fayyadameera. Ragaan barsiisota sadii fi barattoota dhibba tokkofi digdaamaa irraa walitti qabamee
xiinxalamee jira. Ragaaleen qorannicha meeshaalee funaansa ragaalee kanneen akka
afgaaf ii barsiisotarraa akkasumas bargaaf ii cufaafi banaa barattootarraa ragaa funaanuf
hojiirra oolaniiru. Maddi ragaa qorataan itti gargaaramuf deemu madda ragaa tokkof aa fi
madda ragaa lammaf aati.Dabalataan ragaan sakkata’insa arshaame kan walitti qabamee
yoo ta’u ragaaleen tooftaalee funaasa ragaalee sadaniinu argaman mala akkamtaatti fi
ammamtaan mala qorannoo hammamtaa keessatti dhibbeentaa fi irra deddeebiin hojiirraa
oolaniiru. Malli qaaccessa odeef annoo mala makkaa yoo ta’uu bu’aan argame akka
agarsiisutti adeemsichi kan gosoota madaalliin ittiin gaggeef amu mala hundaa gidduu
galeef atee miti. Rakkoon hojiirra ooluu dhabuu kanneen tahaan: qabiyyeen walqabatee, haala daree barnootaan walqabate, meeshaalee deeggarsa barnootaan walqabateefi yeroo
wayitii barnootaa Afaan Oromoof kennamedha. Lakkoofsi barattootaa fi haalli daree
barnootaa hojiirra oolmaa mala barataa jidduu galeessaa godhateen barsiifamu dareen
mijaawoo fi barnoota qulqullina qabu barsiifamuuf haalli dureen kun jiraachuun murteessaa
akka ta’e dha. Rakkoolee kanaaf furmaata kennuun akka danda’amu ibsameera. Kana
jechuun dareen barnootaa baay’inaan ijaaramuu qaba, barattoonni dareetti akka walitti hin
heddumaanne taasisuufi malli kun hojiirra akka ooluu yoo barbaadame mootummaan sirriitti
akka itti yaaduu qabu ibsameera