| dc.contributor.author | Habtaamuu Lataa Gosh | |
| dc.contributor.author | Fiqaduu Baldaa (Piroof) | |
| dc.contributor.author | Jeyilaan Amaan (PhD) | |
| dc.date.accessioned | 2023-03-15T12:48:49Z | |
| dc.date.available | 2023-03-15T12:48:49Z | |
| dc.date.issued | 2022-08 | |
| dc.identifier.uri | http://ir.haramaya.edu.et//hru/handle/123456789/5379 | |
| dc.description | 71p. | en_US |
| dc.description.abstract | Kaayyoon qorannoo kanaa adeemsa baruu barsiisuu keessatti Sakatta’udhafi Xiinxaludhaan hojiirra oolmaa mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhate Sakatta’udha. Haaluma kanaan Mana Barumsaa Baatee Sadarkaa Lammaf aatti, gosa barnoota Afaan Oromootiin mala baruu barsiisuu barataa gidduu galeessa godhateen barsiisuun hammam hojiirra akka oolu sakatta’ameera. Qorannoo saxaxa gosa qorannoo kana yoo ta’u iddatteessuu carraa keessaa carraa sirnaawaa barattootaaf iddatteessuuf fayyadameera. Ragaan barsiisota sadii fi barattoota dhibba tokkofi digdaamaa irraa walitti qabamee xiinxalamee jira. Ragaaleen qorannicha meeshaalee funaansa ragaalee kanneen akka afgaaf ii barsiisotarraa akkasumas bargaaf ii cufaafi banaa barattootarraa ragaa funaanuf hojiirra oolaniiru. Maddi ragaa qorataan itti gargaaramuf deemu madda ragaa tokkof aa fi madda ragaa lammaf aati.Dabalataan ragaan sakkata’insa arshaame kan walitti qabamee yoo ta’u ragaaleen tooftaalee funaasa ragaalee sadaniinu argaman mala akkamtaatti fi ammamtaan mala qorannoo hammamtaa keessatti dhibbeentaa fi irra deddeebiin hojiirraa oolaniiru. Malli qaaccessa odeef annoo mala makkaa yoo ta’uu bu’aan argame akka agarsiisutti adeemsichi kan gosoota madaalliin ittiin gaggeef amu mala hundaa gidduu galeef atee miti. Rakkoon hojiirra ooluu dhabuu kanneen tahaan: qabiyyeen walqabatee, haala daree barnootaan walqabate, meeshaalee deeggarsa barnootaan walqabateefi yeroo wayitii barnootaa Afaan Oromoof kennamedha. Lakkoofsi barattootaa fi haalli daree barnootaa hojiirra oolmaa mala barataa jidduu galeessaa godhateen barsiifamu dareen mijaawoo fi barnoota qulqullina qabu barsiifamuuf haalli dureen kun jiraachuun murteessaa akka ta’e dha. Rakkoolee kanaaf furmaata kennuun akka danda’amu ibsameera. Kana jechuun dareen barnootaa baay’inaan ijaaramuu qaba, barattoonni dareetti akka walitti hin heddumaanne taasisuufi malli kun hojiirra akka ooluu yoo barbaadame mootummaan sirriitti akka itti yaaduu qabu ibsameera | en_US |
| dc.description.sponsorship | Haramaya University | en_US |
| dc.language.iso | en | en_US |
| dc.publisher | Yuunivarsiitii Haramaayaa, Haramaayaa | en_US |
| dc.title | SAKATTA’A FI XIINXALA HOJIIRRAA OOLMAA MALA BARUUF BARSIISUU BARATAA GIDDUU GALEESSA GODHATE: MANA BARUMSAA BAATEE SADARKAA 2 FFAA AFAAN OROMOO KUTAA 9 FFAA IRRATTI XIYYEEFFACHUUN | en_US |
| dc.type | Thesis | en_US |