Abstract:
Qorannoon kun gaheewwan durduriin dhimmoota hawaasaa ibsuu irratti qaban Godina Arsii
Aanaa Digaluuf Xiijoo keessaa funaanuun qaaccessuurratti xiyyeeffate. Kaayyoo qorannichaa
galmaan gahuuf mala iddattoo miti carraa keessaa akkayyoofi darbaa dabarsaa filatamanitti
dhimma bahameera. Sababni mala akkayyoo filatameef manguddoota hubannoofi muuxannoo
durdurii irratti qaban itti kaayyeffachuun bira dhaquun odeeffannoon kan guurrame waan
ta’eefidha. Sababni malli darbaa dabarsaa filatameef immoo mangudoonni namoota muuxannoo
qaban akka eeran taasisuun qorannoon kun galma gaheera. Malleen ragaaleen itti
funaannaman, afgaafii, marii garee xiyyeeffateefi sakatta’a galmeeti. Gaaffilee afgaaffiifi marii
garee xiyyeeffate gargaaramuun manguddoota odeeffannoo kennuuf filataman irraa ragaan
funaannameera. Mala sakatta’a galmeetiin immoo kitaabilee adda addaafi Waajjira Aadaafi
Turizimii keessatti durduriiwwan hamma tokko walitti qabaman sakatta’amaniiru. Ragaaleen
haala kanaan walitti qabamanis gadi fageenyaan qaacceffamaniiru. Argannoowwan qorannoo
kana irraa argame akka mul’isutti durduriin dhimmoota hawaasummaa keessatti gahee
olaanaa kan qabu ta’uu isaati. Kanas mirkaneessuuf durduriiwwan adda addaa funaanuun
gahee isaan qabaniin qaacceffamanii jira. Haaluma kanaa argnnoowwan qorannoo durduriin
kophaa nyaachuu balaaleffachuu, gowwummaa balaaleffachuun gamnummaa jajjabeessuuf,
tooftaa jireenyaa barsiisuu, hammeenya ykn dhara balaaleffachuu, diina irraa of eeguu, icciitii
eeguu barsiisuu, hariiroo hawaasaa cimsuuf, waldhabdee hiikuuf, aadaafi amantii hawaasicha
barsiisuuf, gahee olaanaa kan qabu ta’uu isaati. Akkasumas, teeknoolojiin babal’achuun
durdurii irratti dhiibbaa kan qabu ta’uu isaati.