QAACCESSA GAHEEWWAN DURDURIIN DHIMMOOTA HAWAASAA IBSUU KEESSATTI QABAN: GODINA ARSII AANAA DIGALUU FI XIIJOO IRRATTI KAN XIYYEEFFATE

Show simple item record

dc.contributor.author Laaqach Anbassuu Taaddasaa
dc.date.accessioned 2023-04-19T06:08:05Z
dc.date.available 2023-04-19T06:08:05Z
dc.date.issued 2022-02
dc.identifier.uri http://ir.haramaya.edu.et//hru/handle/123456789/5626
dc.description 66 en_US
dc.description.abstract Qorannoon kun gaheewwan durduriin dhimmoota hawaasaa ibsuu irratti qaban Godina Arsii Aanaa Digaluuf Xiijoo keessaa funaanuun qaaccessuurratti xiyyeeffate. Kaayyoo qorannichaa galmaan gahuuf mala iddattoo miti carraa keessaa akkayyoofi darbaa dabarsaa filatamanitti dhimma bahameera. Sababni mala akkayyoo filatameef manguddoota hubannoofi muuxannoo durdurii irratti qaban itti kaayyeffachuun bira dhaquun odeeffannoon kan guurrame waan ta’eefidha. Sababni malli darbaa dabarsaa filatameef immoo mangudoonni namoota muuxannoo qaban akka eeran taasisuun qorannoon kun galma gaheera. Malleen ragaaleen itti funaannaman, afgaafii, marii garee xiyyeeffateefi sakatta’a galmeeti. Gaaffilee afgaaffiifi marii garee xiyyeeffate gargaaramuun manguddoota odeeffannoo kennuuf filataman irraa ragaan funaannameera. Mala sakatta’a galmeetiin immoo kitaabilee adda addaafi Waajjira Aadaafi Turizimii keessatti durduriiwwan hamma tokko walitti qabaman sakatta’amaniiru. Ragaaleen haala kanaan walitti qabamanis gadi fageenyaan qaacceffamaniiru. Argannoowwan qorannoo kana irraa argame akka mul’isutti durduriin dhimmoota hawaasummaa keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu isaati. Kanas mirkaneessuuf durduriiwwan adda addaa funaanuun gahee isaan qabaniin qaacceffamanii jira. Haaluma kanaa argnnoowwan qorannoo durduriin kophaa nyaachuu balaaleffachuu, gowwummaa balaaleffachuun gamnummaa jajjabeessuuf, tooftaa jireenyaa barsiisuu, hammeenya ykn dhara balaaleffachuu, diina irraa of eeguu, icciitii eeguu barsiisuu, hariiroo hawaasaa cimsuuf, waldhabdee hiikuuf, aadaafi amantii hawaasicha barsiisuuf, gahee olaanaa kan qabu ta’uu isaati. Akkasumas, teeknoolojiin babal’achuun durdurii irratti dhiibbaa kan qabu ta’uu isaati. en_US
dc.description.sponsorship Yuunivarsiitii Haramaayaa en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Yuunivarsiitii Haramaayaa en_US
dc.title QAACCESSA GAHEEWWAN DURDURIIN DHIMMOOTA HAWAASAA IBSUU KEESSATTI QABAN: GODINA ARSII AANAA DIGALUU FI XIIJOO IRRATTI KAN XIYYEEFFATE en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account