Abstract:
Qorannoon kun mata duree Gahee hiibboon sammuu daa’immanii gabbisuu keessatti qabu barnoota
idilee (1-4) keessatti sakatta’uun xiixaluu irratti xiyyeeeffata. Kaayyoon Gooroo qoranichaas gahee
hiibboon sammuu daa’immanii gabbisuu keessatti qabu barnoota idilee (1-4) keessatti sakatta’uu:
Kaayyoo kana galmaan ga’uuf maddi ragaa qorannoon kun dhimma itti ba’ame, madda ragaa
tokkoffaafi, madda ragaa lammaffaati. Maddi ragaa 1ffaa qorannichaa, hawaasa Magaalaa Dirre
Dhawaa keessaa iddattoowwan filataman yemmuu ta’an,maddi raga lammaffaa immoo barreeffamoota
adda addaa walitti qabamanii qaacceffamniidha. Iddattoowwan kanneen filachuuf tooftaalee
iddatteessuu miti carraa keessaa, mala iddatteessuu kaayyeffataatti dhimma bahameera. Iddattoowwan
filataman irraa ragaaleen meeshaalee funaansa ragaa kan akka, Af-gaaffii, qaaccessa harshammee,
daawwannaafi marii garee xiyyeeffataatti dhimma ba’amuun funaanaman mala xiinxala ragaa akkamtaa
keessaa mala qabxii ijootti qoqqooduun xiinxaluutti dhimma bahuun xiinxalameera. Adeemsa xiinxala
ragaalee kana keessatti, yaadiddama faayideessummaatti dhimma ba’uun xiinxalamee jira. Kanumarraa
ka’uun gahee hiibboon sammuu daa’immanii gabbisuu keessatti qabu kallattii garagaraan hubachuun
danda’amee jira. Argannoon qorannoo kanaa kanneen akka faayidaaleen hiibboon barnoota idilee
keessatti qabu danuu ta’uu, gaheen hirmaattotaa itti fufiinsa hiibboof murteessaa ta’uu, hammatiinsi
hiibboo kitaaba barnootaa keessatti baay’ee gadi aanaa ta’uuf xiyyeeffannoo cimaa kan barbaadu ta’uufi
hubannaan hiibboo irratti jiru baay’ee gad aanaa ta’uun adda baafameera. Yaada furmaataa qorannoo
kanaa kan jedhamanii lafa kaawwaman immoo kanneen akka hiibboo faayidaa danuu qabu kana namuu
tiksuun kunuunsee tursiifachuu akka qabu, ilmi Oromoo kamuu hiibboo isaa tursiifachuuf gahee guddaan
kan isarra jiru ta’uu beekee ijoollee isaa fiilmiifi face buuka jala oolchuu dhiisee shaakalchiisuu akka
qabu, qopheessitoonni kitaabaa qabiyyee hiibboo xiyyeeffannoo kennuun akka shaakalaaf tolutti akka
qopheessuu qabaniifi hubannoo hiiboof jiru kan garmalee kufaa jiru kana kaasuuf tumsa nama hundaa
kan barbaadu ta’uu beekuun namuu gahee isaa bahuu akka qabu kanneen jedhaman lafa kaawwamuun
xumuramee jira