GAHEEWWAN HIIBBOON DANDEETTIIWWAN XIINXALUU DAA’IMMANII GUDDISUU KEESSATTI QABU: BARNOOTA IDILEE SADARAA 1FFAA (1-4) BULCHIINSA MAGAALAA DIRREE DHAWAATTI

Show simple item record

dc.contributor.author Tamiimaa Mahaammad Ibroo
dc.contributor.author Imaanaa Bayyanaa (phd)
dc.contributor.author Mahaammad Abdoo (Ass. prof)
dc.date.accessioned 2023-10-25T06:41:20Z
dc.date.available 2023-10-25T06:41:20Z
dc.date.issued 2021
dc.identifier.uri http://ir.haramaya.edu.et//hru/handle/123456789/6460
dc.description 74p. en_US
dc.description.abstract Qorannoon kun mata duree Gahee hiibboon sammuu daa’immanii gabbisuu keessatti qabu barnoota idilee (1-4) keessatti sakatta’uun xiixaluu irratti xiyyeeeffata. Kaayyoon Gooroo qoranichaas gahee hiibboon sammuu daa’immanii gabbisuu keessatti qabu barnoota idilee (1-4) keessatti sakatta’uu: Kaayyoo kana galmaan ga’uuf maddi ragaa qorannoon kun dhimma itti ba’ame, madda ragaa tokkoffaafi, madda ragaa lammaffaati. Maddi ragaa 1ffaa qorannichaa, hawaasa Magaalaa Dirre Dhawaa keessaa iddattoowwan filataman yemmuu ta’an,maddi raga lammaffaa immoo barreeffamoota adda addaa walitti qabamanii qaacceffamniidha. Iddattoowwan kanneen filachuuf tooftaalee iddatteessuu miti carraa keessaa, mala iddatteessuu kaayyeffataatti dhimma bahameera. Iddattoowwan filataman irraa ragaaleen meeshaalee funaansa ragaa kan akka, Af-gaaffii, qaaccessa harshammee, daawwannaafi marii garee xiyyeeffataatti dhimma ba’amuun funaanaman mala xiinxala ragaa akkamtaa keessaa mala qabxii ijootti qoqqooduun xiinxaluutti dhimma bahuun xiinxalameera. Adeemsa xiinxala ragaalee kana keessatti, yaadiddama faayideessummaatti dhimma ba’uun xiinxalamee jira. Kanumarraa ka’uun gahee hiibboon sammuu daa’immanii gabbisuu keessatti qabu kallattii garagaraan hubachuun danda’amee jira. Argannoon qorannoo kanaa kanneen akka faayidaaleen hiibboon barnoota idilee keessatti qabu danuu ta’uu, gaheen hirmaattotaa itti fufiinsa hiibboof murteessaa ta’uu, hammatiinsi hiibboo kitaaba barnootaa keessatti baay’ee gadi aanaa ta’uuf xiyyeeffannoo cimaa kan barbaadu ta’uufi hubannaan hiibboo irratti jiru baay’ee gad aanaa ta’uun adda baafameera. Yaada furmaataa qorannoo kanaa kan jedhamanii lafa kaawwaman immoo kanneen akka hiibboo faayidaa danuu qabu kana namuu tiksuun kunuunsee tursiifachuu akka qabu, ilmi Oromoo kamuu hiibboo isaa tursiifachuuf gahee guddaan kan isarra jiru ta’uu beekee ijoollee isaa fiilmiifi face buuka jala oolchuu dhiisee shaakalchiisuu akka qabu, qopheessitoonni kitaabaa qabiyyee hiibboo xiyyeeffannoo kennuun akka shaakalaaf tolutti akka qopheessuu qabaniifi hubannoo hiiboof jiru kan garmalee kufaa jiru kana kaasuuf tumsa nama hundaa kan barbaadu ta’uu beekuun namuu gahee isaa bahuu akka qabu kanneen jedhaman lafa kaawwamuun xumuramee jira en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya university en_US
dc.title GAHEEWWAN HIIBBOON DANDEETTIIWWAN XIINXALUU DAA’IMMANII GUDDISUU KEESSATTI QABU: BARNOOTA IDILEE SADARAA 1FFAA (1-4) BULCHIINSA MAGAALAA DIRREE DHAWAATTI en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account