Abstract:
Qorannoon kun kan inni irratti xiyyeeffate Gahee Asoosamni Dandeettii Dubbisuu
Barsiisuu keessatti qabu: Kitaaba Barnoota Afaan Oromoo Kutaa kurnaffaa irrattidha.
Kaayyoon isaas bu’aa Asoosamaan dandeettii dubbisuu barsiisuun qabu adda baasuun
ibsuu fi Hanqinoota asoosamaan dubbisa barsiisuun qabu agarsiisuudha.Qorannoo kana
keessatti malli dhimma itti bahame mala makaati.Haalli filannoo mana barnootaa fi daree
barnootaa mala iddatteessuu kaayyeffataatiin kan raawwatamedha.Filannoon barattootaa
mala iddatteessuu mitcarraa yoo ta’u,kan barsiistotaa immoo mala iddatteessuu
kaayyeffataatiin filatamaniiru. Ragaalee qorannichaaf barbaachisan funaannachuuf
immoo meeshaalee odeeffannoon ittiin funaaname keessaa sakatta’a harshammee,
bargaaffii, mariigaree fi hub daawwannaatti dhimmi bahaameera. Qaaccessa ragaa
ilaalchisee, odeeffannoon jechaan ibsaman mala ibsaatiin ykn akkamtaan, kanneen
lakkoofsaan ibsaman immoo mala ammamtaatiin bifa gabateetiin lakkoofsaafi
dhibbeentaan qacceffamaniiru.Sababni malli Kun filatameefis hojiin qaaccessa qorannoo
kanaa mala funaansa ragaa qorattuun ittifayyadamte bargaafii,daawwannaa,sakatta’a
harshammee fi marii garee waan ta’eef, isaan kanniin keessa bargaaffiin lakkoofsaan Kan
qaacceffame yoo ta’u, daawwannaa, sakatta’a harshammee fi mariin garee jechootaan
kan qaacceffamanii dha. Kanuumaan walqabatee odeeffannoo qabatamaa ta’e argachuuf
mata duree qorannichaa waliin Kan walsimu meeshaa armaan olitti tuqaman kanneen
fayyadamuun ragaa qorannichaa funaanamanii akkaataa walittii dhufeenya isaaniitiin
qoqqooduudhaan qaacceffamanii jiru.Haluma kanaan asoosamni dandeettii dubbisuu
cimsuu keessatti gahee akkamii akka taphatu,kitaabni barnootaa afaan Oromoo kutaa
10ffaa sakatta’amuun bu’aalee qorannoo kana irraa argaman akka mul’isutti asoosamni
kitaaba barnootaa keessatti dhiyaate kaayyoo dubbisuu galmaan gahuu osoo danda’uu
kitaabichi yoo qophaa’u qabiyyee kitaabaa boqonnaa kudha saddeet keessatti boqonnaa
sadii keessatti kan argamu yoo ta’u, barreefamootni biroo kan kitaaba barattootaa irratti
argamanii fi asoosama haala walfakkataa ta’een kan hin dubbisne ta’uu yaalii
gaggeefameirraakanhubatmedha