GAHEE ASOOSAMNI DANDEETTII DUBBISUU BARSIISUU KEESSATTI QABU: KITAABA BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA KURNAFFAA IRRATTI KAN XIYYEEFFATE

Show simple item record

dc.contributor.author Caaltuu Tarrafaa Dhabbasaa
dc.contributor.author Mohaammed Abdoo
dc.contributor.author Dr.Jeylaan Amaaniif
dc.date.accessioned 2024-01-17T06:04:21Z
dc.date.available 2024-01-17T06:04:21Z
dc.date.issued 2020-08
dc.identifier.uri http://ir.haramaya.edu.et//hru/handle/123456789/7339
dc.description 78 en_US
dc.description.abstract Qorannoon kun kan inni irratti xiyyeeffate Gahee Asoosamni Dandeettii Dubbisuu Barsiisuu keessatti qabu: Kitaaba Barnoota Afaan Oromoo Kutaa kurnaffaa irrattidha. Kaayyoon isaas bu’aa Asoosamaan dandeettii dubbisuu barsiisuun qabu adda baasuun ibsuu fi Hanqinoota asoosamaan dubbisa barsiisuun qabu agarsiisuudha.Qorannoo kana keessatti malli dhimma itti bahame mala makaati.Haalli filannoo mana barnootaa fi daree barnootaa mala iddatteessuu kaayyeffataatiin kan raawwatamedha.Filannoon barattootaa mala iddatteessuu mitcarraa yoo ta’u,kan barsiistotaa immoo mala iddatteessuu kaayyeffataatiin filatamaniiru. Ragaalee qorannichaaf barbaachisan funaannachuuf immoo meeshaalee odeeffannoon ittiin funaaname keessaa sakatta’a harshammee, bargaaffii, mariigaree fi hub daawwannaatti dhimmi bahaameera. Qaaccessa ragaa ilaalchisee, odeeffannoon jechaan ibsaman mala ibsaatiin ykn akkamtaan, kanneen lakkoofsaan ibsaman immoo mala ammamtaatiin bifa gabateetiin lakkoofsaafi dhibbeentaan qacceffamaniiru.Sababni malli Kun filatameefis hojiin qaaccessa qorannoo kanaa mala funaansa ragaa qorattuun ittifayyadamte bargaafii,daawwannaa,sakatta’a harshammee fi marii garee waan ta’eef, isaan kanniin keessa bargaaffiin lakkoofsaan Kan qaacceffame yoo ta’u, daawwannaa, sakatta’a harshammee fi mariin garee jechootaan kan qaacceffamanii dha. Kanuumaan walqabatee odeeffannoo qabatamaa ta’e argachuuf mata duree qorannichaa waliin Kan walsimu meeshaa armaan olitti tuqaman kanneen fayyadamuun ragaa qorannichaa funaanamanii akkaataa walittii dhufeenya isaaniitiin qoqqooduudhaan qaacceffamanii jiru.Haluma kanaan asoosamni dandeettii dubbisuu cimsuu keessatti gahee akkamii akka taphatu,kitaabni barnootaa afaan Oromoo kutaa 10ffaa sakatta’amuun bu’aalee qorannoo kana irraa argaman akka mul’isutti asoosamni kitaaba barnootaa keessatti dhiyaate kaayyoo dubbisuu galmaan gahuu osoo danda’uu kitaabichi yoo qophaa’u qabiyyee kitaabaa boqonnaa kudha saddeet keessatti boqonnaa sadii keessatti kan argamu yoo ta’u, barreefamootni biroo kan kitaaba barattootaa irratti argamanii fi asoosama haala walfakkataa ta’een kan hin dubbisne ta’uu yaalii gaggeefameirraakanhubatmedha en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya University en_US
dc.title GAHEE ASOOSAMNI DANDEETTII DUBBISUU BARSIISUU KEESSATTI QABU: KITAABA BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA KURNAFFAA IRRATTI KAN XIYYEEFFATE en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account