Abstract:
Kaayyoon qorannoo kanaaa faaruu loonii toohaa horaa Oromoo Anniyyaa xiinxaluudha.
Faaruun loonii yeroo hora toohaniif kaayyoolee gooree galmaan gahuuf gaaffilee bu’uura
qorannoo qophaa’e deebisuuf meeshaalee funaansaa kanneen akka afgaaffiin, marii garee
xiyyeeffannoo, sakatta’a ragaaleefi hubdaawwannaan funaanaman bifa sagaleefi
suursagalee dhaggeeffatamaniifi ilaalamanii gara barreeffamatti jijjiiramuun xiinxalaman
iiru. Tooftaan xiinxalaafi hiikaa dhiheessa ragaaleef mijjawaa ta’ee hojiirra oole immoo
kan mala akkamtaa keessaa tooftaa qaaccessa sagaleefi ergaa afwalalooti. Tooftaa
iddatteessuu filatame iddatteessuu carraanalaa keessaa, iddatteessuu darbaa dabarsaan
kan qindaa’eedha. Qorannoon kun faaruu loonii funaanaman akkaataa itti hubatamuufi
hiikamu xiinxaluun gumaacha hawaasa keessatti qabu ifa godheera. Yaaxxinni qorannoo
kanaaf filatame yaaxxina fayyadaminsaa (functionalism) yoo ta’u dhugaa hawaasa keessa
jiru haala jiruuf jireenya hawaasaafi aadaa isaa qoratanii akka jiraachisaaniif uumametti
dhimma bahuun kan raawwatameedha. Argannoon qorannichaa faaruuwwan funaanaman
keessatti jaalala horiif qaban akka ilmoo namaaf qabaniin walqixa akka turan qorannoon
kun agarsiiseera. Faaruun loonii kuniis qabiyyeewwan hawaasa keessatti murteessoo
ta’an kanneen akka: siyaasa, diinagdee, danta dhabdummaa balaaleffatan, tuffii
mul’isanii, eebbaafi abaarsafi waliin dubbiin looniifi namaa jiraachuu mul’isaniidha. Akka waliigalaatti faaruun loonii eenyummaa, seenaa, safuufi aadaa Oromoo eeguuf
faayidaa guddaa qaba. Hawaasa horsiisee bulaa keessatti faaruun loonii gooroowwan
addaa isaanii ibsuuf baay’ee barbaachisaa ta’uu qorannichaan bira gahameera.
Akkasumaas faaricha akka tapha faayidaa hinqabneetti ilaalamuun dogoggora ta’uu
qorannoon kun bal’inaan mul’iseera. Yaboon qorannoo kanaan lafa kaa’amees
dhimmoota aadaa, seenaafi eenyummaa ofii eeguun kan Oromoota hundaa waan ta’eef
faaruu loonii Oromoo Anniyyaa qabeenya hawaasa Oromoo kunuunsuuniifi
dagaagsuun miira Oromummaa guddisaa kan adeemuudha.