XIINXALA FAARUU LOONII TOOHAA HORAA OROMOO ANNIYYAA

Show simple item record

dc.contributor.author Ibraahim Mahammad Aadam
dc.contributor.author Dr. Abbabaa Lammeessaafi
dc.contributor.author Dr. Fiqaaduu Baldaa
dc.date.accessioned 2026-05-25T05:59:32Z
dc.date.available 2026-05-25T05:59:32Z
dc.date.issued 2025
dc.identifier.uri http://ir.haramaya.edu.et//hru/handle/123456789/8461
dc.description 85p. en_US
dc.description.abstract Kaayyoon qorannoo kanaaa faaruu loonii toohaa horaa Oromoo Anniyyaa xiinxaluudha. Faaruun loonii yeroo hora toohaniif kaayyoolee gooree galmaan gahuuf gaaffilee bu’uura qorannoo qophaa’e deebisuuf meeshaalee funaansaa kanneen akka afgaaffiin, marii garee xiyyeeffannoo, sakatta’a ragaaleefi hubdaawwannaan funaanaman bifa sagaleefi suursagalee dhaggeeffatamaniifi ilaalamanii gara barreeffamatti jijjiiramuun xiinxalaman iiru. Tooftaan xiinxalaafi hiikaa dhiheessa ragaaleef mijjawaa ta’ee hojiirra oole immoo kan mala akkamtaa keessaa tooftaa qaaccessa sagaleefi ergaa afwalalooti. Tooftaa iddatteessuu filatame iddatteessuu carraanalaa keessaa, iddatteessuu darbaa dabarsaan kan qindaa’eedha. Qorannoon kun faaruu loonii funaanaman akkaataa itti hubatamuufi hiikamu xiinxaluun gumaacha hawaasa keessatti qabu ifa godheera. Yaaxxinni qorannoo kanaaf filatame yaaxxina fayyadaminsaa (functionalism) yoo ta’u dhugaa hawaasa keessa jiru haala jiruuf jireenya hawaasaafi aadaa isaa qoratanii akka jiraachisaaniif uumametti dhimma bahuun kan raawwatameedha. Argannoon qorannichaa faaruuwwan funaanaman keessatti jaalala horiif qaban akka ilmoo namaaf qabaniin walqixa akka turan qorannoon kun agarsiiseera. Faaruun loonii kuniis qabiyyeewwan hawaasa keessatti murteessoo ta’an kanneen akka: siyaasa, diinagdee, danta dhabdummaa balaaleffatan, tuffii mul’isanii, eebbaafi abaarsafi waliin dubbiin looniifi namaa jiraachuu mul’isaniidha. Akka waliigalaatti faaruun loonii eenyummaa, seenaa, safuufi aadaa Oromoo eeguuf faayidaa guddaa qaba. Hawaasa horsiisee bulaa keessatti faaruun loonii gooroowwan addaa isaanii ibsuuf baay’ee barbaachisaa ta’uu qorannichaan bira gahameera. Akkasumaas faaricha akka tapha faayidaa hinqabneetti ilaalamuun dogoggora ta’uu qorannoon kun bal’inaan mul’iseera. Yaboon qorannoo kanaan lafa kaa’amees dhimmoota aadaa, seenaafi eenyummaa ofii eeguun kan Oromoota hundaa waan ta’eef faaruu loonii Oromoo Anniyyaa qabeenya hawaasa Oromoo kunuunsuuniifi dagaagsuun miira Oromummaa guddisaa kan adeemuudha. en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso other en_US
dc.title XIINXALA FAARUU LOONII TOOHAA HORAA OROMOO ANNIYYAA en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account