GAHEEWWAN TAPHOONNI IJOOLLEE DANDEETTIIWWAN DHAGGEEFFACHUUFI DUBBACHUU GABBISUU KEESSATTI QABAN: AANAA ADAAMII TULLUU JIDDOO KOMBOLCHAA

Show simple item record

dc.contributor.author Dadalaa Bunaa Finqilaa
dc.contributor.author Abbabaa Lammeessaa (PhD)
dc.date.accessioned 2026-05-28T05:59:59Z
dc.date.available 2026-05-28T05:59:59Z
dc.date.issued 2025
dc.identifier.uri http://ir.haramaya.edu.et//hru/handle/123456789/8480
dc.description 91p. en_US
dc.description.abstract Ka’umsi qorannoo kanaa taphoonni ijoollee kanneen dandeettii dhaggeeffachuufi dubbachuu ijoollee gabbisan dagatamaa jiraachuu isaaniiti. Bakki qorannoon kun itti gaggeeffame Aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa yoo ta’u, kayyoon qorannoo kanaa gaheewwan taphoota ijoollee dandeettii dhaggeeffachuufi dubbachuu ijoollee gabbisuu keessatti qaban xiinxaluu yoo ta’u, kaayyoo kana galmaan ga’uuf qorataan mala qorannoo akkamtaatti dhimmi baheera. Maddi ragaa qorannoo kanaa madda ragaa tokkoffaa yoo ta’u, kunis taphoota ijoollee irratti namoota muuxannoo gahaa qaban mala iddatteessuu mitcarraa keessaa iddatteessuu dhimmataafi darbaa dabarsaattiin filatamaniiru. Meeshaalee funaansa ragaalee keessaa daawwannaa hirmaachisaa, marii garee xiyyeeffataafi afgaaffii fayyadamuun ragaaleen manguddoota, barsiisota, haawwotaafi ijoolleerraa sassaabameera. Xiinmala akkamtaa keessaa saxaxa sanyaabsa fayyadamuun ragaaleen funaannaman qaacceffamaniiru. Akka kanaan qorataan gaaffilee bu’uuraa qaacceffamanirra dhaabbachuun taphoonni ijoollee kanneen jechaan raawwataman dandeettii dhaggeeffachuufi dubbachuu ijoollee gabbisuu keessatti gaheewwan asii gadii kan qaban ta’uu mirkaneeffateera. Isaanis: gahee jechoota haaraa barsiisuu, gahee waliin dubbii barsiisuu, gahee naamusaan dhaggeeffachuufi dubbachuu barsiisuu, gahee sodaa malee dubbachuu shaakalchiisuu, gahee ariitiin dhagayuufi dubbachuu shaakalchiisuufi gahee yaada ofii baldhinaan ibsachuu danda’uu shaakalchuusuu fa’a akka ta’an hubatameera. Dhumarratti, Waajjirri Aadaafi Turiizimiifi waajjirri Barnootaa Aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa taphoota ijoollee dandeettiiwwan dhaggeeffachuufi dubbachuu ijoollee gabbisuu keessatti gahee qaban walitti qabee barreeffamatti jijjiiruun dhaloota osoo kaayee. Akkasumas taphoonni ijoollee dandeettii afaanii duraa lamaan barsiisuu keessatti gahee waan qabaniif maatiin mana keessatti barsiisonni mana barumsaatti osoo taphsiisanii. en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Yuunivarsiitii Haramaayaa, Haramaayaa en_US
dc.title GAHEEWWAN TAPHOONNI IJOOLLEE DANDEETTIIWWAN DHAGGEEFFACHUUFI DUBBACHUU GABBISUU KEESSATTI QABAN: AANAA ADAAMII TULLUU JIDDOO KOMBOLCHAA en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account